Gara Marsariiti Garagara Dawwaachuu
Bakka kammiyyuu bilbila bilbilu osoo barbaane bakka itti bilbilu ykn Nama itti bilbilu lakkoofsa bilbila beekuun akkuma nu barbaachisu, Interneeta fayyaadamun gara marsariiti dhaabata/dhuunfa kammiyyuu yoo deemu barbanes haaluma walfakkaatun teesso marsaariitti sana beeku qabna. Teesso marsaaritti yoo beekne wanta guddaa fi hojii keenya isaa jalqaaba xumure jirra jechuudha. Kallattima mosaajii itti fayyaadama interneeta barbaane banuun hojii keenya jalqaabu dandeenya.
1) Jalqaaba irraatti kompitaraa keessan irraa mosaajii itti fayyaadama interneeta tokko banuun (internet explorer) bakka barreessa teesso irraatti teesso dhaabata marsaaritti barbaanu barreessu.

Fakkeenyaf teesso marsaale muraasa Tajaajila oduu argachuuf
Gita hojiiwwan duwwaa ta’an
Tajaajila iimeelii argachuuf
Daldala elektirooniksii
Walumagalatti aduunya keenya irraa teessowwan marsariiti lakkoofsan baay'ee hedduu waan ta'aniifi hundaa isaanitiyyuu as irraatti tarreessun hin danda'amu. akka fakkeenyatti kanneen ergaa ilaale, Ammaaf teesso marsaaritti tokko fayyaadamu ni dandeenya. Kan filaatan (fkn.www.msn.com) Bakka barreessa teesso marsariiti irraatti ergaa barreessitani booda gabatee cuqoo keessan irraa enter dhiibi.

Hojiin keenya raawwate jira akkuma faakkii armaan olii irraatti ilaala jirtan marsariitiin MSN guutuma guutuutti mosaajii fayyaadama interneeta keenya irraatti nuuf dhufe jira. Kanatti ansee hojiin hojjaanu akkuma marsariiti itti deemnu gosti isaa garagara ta'us dawwii bu'uura marsariiti kan jennun isa kanadha.
