Fayyadamaa interneetii

Hojiiwwan Twitter Hojjachuu

- Hojiiwwan Twitter keessa inni tokko yaada keenya kan birootiif dabarsuu ykn beeksisudha.kunis Tweet gochuu jedhama. Yaada keenya irraatti barreessu duratti garuu hordoftoota( hiriyaa Twitter) qabachuun nurraa eegama. Hordoftoota horachuuf karaan inni tokko maqaa Twitter yeroo galmee galchine kan birootiif himadhan akka nu hordoofan gochuu dandeenya.
1) Fuula jalqaaba Twitter irraatti yaada dhuunfa keenya bakka barreessa irraatti kan birootiif dhimmi beeksisu barbaanu qubee 140 fayyaadamun barreessu. Yoo geessine tweet kan jedhu cuqaasi.
2) Haaluma kanaan dhimmaa barbaanu salphumatti namoota birootiif beeksisu dandeenya. Kanaafu ammaa odeeffannoo barreessuf hordoftoonni keenya deebii nuuf keennan yoo jiraate fuula kana irraa ta'uun argachuu dandeenya. Haaluma walfakkaatan namoonni biroo (namoonni nuti hordofnuu) ergaawwan barreessan fuula kana irraatti argachuu dandeenya. Dhimmoota dubbaatan immoo fuula Twitter keenya gara bitaatti Tweets mata duree jedhun tarreeffame arganna.

– Dhimmoota kanneen dubbifnee ergaa geessine booda deebii keennu (Reply gochuuf ) ykn odeeffannoo argane hordoftoota birootiif beeksisu (Retweet gochuu ) ni dandeenya. Jalqaaba odeeffannoo arganneef deebii akkamitti kennuu dandeenyu haa ilaalu.

1) Odeeffannoo barreeffame jalatti hantuttee keenya yoo siksinuu kan nuuf dhufan keessa Reply kan jedhu irraatti cuqaasi.

2) Yeroo kanatti Twitter deebii kennuuf ta'uu waan hubaatuf sanduuqa deebii keessatti barreessinu nuuf fida. Sanduuqa nuuf dhufu keessatti dhimmichaaf deebii dhuunfa keenya barreesine Tweet kan jedhu irraatti click.

Odeeffannoo argane hordoftoota keenyaf beeksisu yoo barbaane immoo :-

1) kan birootiif odeeffannoo Barreeffaman jalatti mouse keenya yoo siksinu kan nuuf dhufan keessa Retweet kan jedhan irraatti click gona.
2) Itti ansuun sanduuqa mirkaneffamu nuuf dhufu irraatti Retweet kan jedhu irraatti click gona.

Akkawuntii Twitter keenya keessa Bahu(Log out)

Akkuma armaan ollitti ilaaludhaf yaaletti marsariiti Twitter fayyaadamun hawaasa biroo wajjiin salphumatti walqunnamu, yaada wal jijjiruu, odeeffannoo argachuu dandeenye jirra. Hojii keenya yoo raawwanne akkuma kan biroo irraatti gonu account keenya cufnee bahuu nurraa jiraata. Kanas gochuufis:-

“More” kan naannoo golee bitaa jalaa iskiriinii jiru cuqaasaa. Sana booda, menu mul’atu keessatti “Settings and privacy“ kan jedhu cuqaasaa.

Erga settings keessa jirtanii booda “account” jalatti “Apps and sessions” naannoo jala screen irratti cuqaasaa. Amma tarree appii fi tajaajiloota akkaawuntii Twitter keessan waliin walqabatan hunda ni argitu. Garuu gara jala iskiriinii yoo gadi bu’an, kutaa maqaan isaa “Sessions” jedhu kan meeshaalee adda addaa yeroo ammaa akkaawuntii keessan keessa seenan hunda agarsiisu, fi yeroo dhumaaf tokkoon tokkoon isaanii irratti yeroo Twitter fayyadamtan agarsiisu ni argitu. Tarree kana gubbaatti kompiitara amma fayyadamaa jirtan kan cinaatti baajii bifa diimaa qabu kan “Active now” jedhu qabu arguu qabdu. Kallattiin sana jalatti, button “Log out all other sessions“ jedhu ni argitu.

Kanaafuu hanga kanaan tole jettutti, akkasumas jecha icciitii Twitter kee maal akka ta’e beektutti, itti fufii logout cuqaasi.
List item
List item
List item

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Ads Blocker Image Powered by Code Help Pro

Ads Blocker Detected!!!

We have detected that you are using extensions to block ads. Please support us by disabling these ads blocker.

Powered By
100% Free SEO Tools - Tool Kits PRO
error: Content is protected !!
Scroll to Top
Verified by MonsterInsights