Fayyadamaa interneetii

Hiriyoota Skype horaachuu

miseensa Skype ta’uu keenyan hiriyoota dangaa aduunya kammiyyuu kan argaman Skype wajjiin walqunnamtiiwwan Barreeffama, sagalee fi walqunnamtiiwwan suura salphumatti gochuu dandeenya. Tajaajiloota kana hundaa argachuuf dursaa hiriyoota Skype qabaachun nurraa jiraata. Kana gochuufis

1) Akkawuntii Skype keenya menubar irraa contacts kan jedhu cuqaasun tarreeffamawwan dhufan keessa Add contract kan jedhu cuqaasi. Itti ansuun search Skype directory kan jedhu cuqaasi. 
2) Itti ansuun fuula nuuf dhufu irraatti hiriyoota Skype keenya akka ta'uu nama barbaanu maqaa ykn maqaa Skype ykn teesso email, Toora barbaacha irraatti barreessi.
3) Yeroo kanatti Skypee namoota maqaa nuuti barreessineen argamu tarreen nuf fida. Hiriyaa akka ta'uu nama barbaanu irraatti cuqaasi. Itti ansuun account keenya bitaatti kan dhufuu fi Add to contacts kan jedhu irraatti cuqaasi.
4) Dhumarrattis Send kan jedhu irraatti cuqaasun hiriyaa Skype kiyyaa ta'i gaaffii keenya nuuf ergaa.
5) Ammaa namni hiriyaa keenya akka ta'uu gaafanne tarreeffama hiriyaa Skype keenya keessatti nuuf galcha.
Hanga ammatitti akkawuntii haraawa Skype uumu fi akkawuntii uumne keessa seenun, kana malees hiriyaa Skype horaachu ilaale jira. Kanatti ansuun hiriyoota keenya wajjiin karaale garagara Skypee'n nuuf qopheesse fayyaadamun akkam gonee salphumatti walqunnamuu akka dandeenyu ilaala.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Ads Blocker Image Powered by Code Help Pro

Ads Blocker Detected!!!

We have detected that you are using extensions to block ads. Please support us by disabling these ads blocker.

Powered By
100% Free SEO Tools - Tool Kits PRO
error: Content is protected !!
Scroll to Top
Verified by MonsterInsights