Fuula jalqaaba Fayyaadama interneetii jijijiruu ( Homepage)
- mosaajiin itti fayyaadama interneetii keenya yeroo bannuutti yenna jalqaabu ofii isaatiin marsaatiin banuu ni jiraata. Marree nutis mosaajii fayyaadama interneetii keenya yemmuu banuu marsaariti baay'inaan itti fayyadamnuu akka nuuf banuu gochuufi kana males jijjiruu ni dandeenya. Kana gochuufis
1) mosaajii fayyaadama interneetii irraatti Tools kan jedhu yemmuu cuqaasnu tarreeffamawwan dhufan keessa options kan jedhu cuqaasu.

2) Itti ansee sanduuqa nuuf dhufu irraatti Homepage bakka barreessa keessatti teesso marsariiti barbaanu barreessina.

Kanaafu kanaan booda mosaajiin itti fayyaadama interneeta kun yemmuu banamuu bakka kana irraatti kallatti dhuma gara teesso marsaariti barreessine irraatti deema jechuudha. Kunis hojii keenya salphisuuf gahee ol'aana taphaata.
