Fayyadamaa interneetii

Teesso Email Haarawa Uumu

Tessoo email haarawa baasuf yoo yaadnu jalqaaba irraatti marsariiti teesso email irraa baasnu filaachuu qabna nurraa jiraata. Ammaf nuti gmail fayyadamna. Marsaritii kana fayyadamun akkamitti teesso email haraawa uumu akka dandeenyu kanatti ansine ilaala.

1) Jalqaaba mosaajii itti fayyaadama interneta banuun (FKN mozilla) Bakka teesso barreessa irraatti www.google.com jene barreessina. Itti ansuudhan gabatee cuqoo keenya irraa Enter kan jedhudhiibi.

2) Akkuma argitanitti fuuli jalqaaba google yoo isiinif dhufe gara harkaa bitatti kan argamuu fi Saaqii seeni kan jedhu cuqaasi.

 hantuttee keenya siksuun filannowwan dhufan keesaa Create account jechun galmee harawaa jalqabsiisu.

3) Ammaa fuulli galmee yahoo isiiniif dhufa. Kanatti ansee akkuma faakkii armaan gadii irraatti mul’atutti odeeffannoo keessan galcha. Haa ta’uu garuu fuullonni kunneen yeroo irraa gara yerootti jijjiramoota murtaa’a qabaatus hojmata walfakkaata waan qabataniif jijiraamni irraatti godhamus baay’ees nama hin rakkisu.

4) fuula galmeessa gara gadi yoo sisinu immoo itti ansee kan jiruu ni ilaala. Ammallee akkuma faakkii irraatti argamuutti odeeffanno keenya galchuu qabna.

5) Erga akkaawuntii kee mirkaneessitee booda unka odeeffannoo dhuunfaa tokko tokko si gaafatu danda’a. Kunis email fayyinaa, guyyaa dhaloota kee fi saala kee dabalata. Akkuma armaan ollitti mul’atutti odeeffannoo keessan galchitani ergaa geessatanii booda Next jedhu irraatti cuqaasi. Lakkoofsa bilbilaa akkaawuntii keessaniif dabaluu fi mirkaneessuu.

Amma ergaan barreeffamaa koodii mirkaneessaa qabu Google irraa argachuu qabda.kun daqiiqaa muraasa keessatti hin dhiyaanne ta’e, bakka isaa sirna bilbila ofumaan fayyadamuu dandeessu.

Hubachiisa

Odeeffannoo galchitan doggogoraa yoo ta’ee , google sanduuqa qeeqa dogoggoraa qabuu mallattoo diimaa irraa maarun irraa deebine akka guutnu taasisu danda’a.

6) Qabduu Yes, I’m in jedhu cuqaasi.

7) Amma Haala Tajaajila Google fi Imaammata Dhuunfaa isaanii fudhachuu qabda – “I Agree” cuqaasuun dura kana lamaan bal’inaan akka ilaaltan baay’ee gorfama.

8) Amma akkaawuntii Gmail haaraa umuu dandeenye jirra.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Ads Blocker Image Powered by Code Help Pro

Ads Blocker Detected!!!

We have detected that you are using extensions to block ads. Please support us by disabling these ads blocker.

Powered By
Best Wordpress Adblock Detecting Plugin | CHP Adblock
error: Content is protected !!
Scroll to Top
Verified by MonsterInsights