Fayyadamaa interneetii

Odeeffannoowwan Barreeffama barbaadu

Mee gaaffii tokko isiin gafaadha, odeeffannoo dhimmaa waa’ee artii irraatti barreeffame barbaaddu? Waa'ee biyyaa keenya Oromiyaa kan gabaasu hoo? Barnoota barattan ykn gahee hojii irraatti hirmaatan wajjiin walqabatee barreeffamoota qorannoo hojjatame Ykn hojii barnoota keessanii saffisisuuf odeeffannoowwan gargaran moo nyaata aadaa  oromoo akkamitti hojjaachun akka danda'amu barreeffamoota ibsu barbaaddu? Gabaabumatti waa'ee maali beekuu barbaaddu? Isiin dubbisuuf fi obsaa hubachuu isiinif haa keennu malee Google biraa odeeffannoo Barreeffama gaafatanii dhabdan hin jiraatu, odeeffannoowwan Barreeffaman barbaaduf:-

1) Jalqaaba irraatti moosajii fayyadama interneetii tokko banuun bakka teesso barreessa irraatti www.google.com jedhu barreessa.

2) Itti ansuun fuula jalqaaba Google ilaaltan kun yoo isiinif dhufe search kan jedhu irraatti cuqaasi. Akkuma armaan ollitti ilaale odeeffannoowwan Barreeffama kan argamun kutaa kana irraa waan ta’ef.

3) Kanatti ansuun dhimma barreeffama barbaadan bakka barreessa search irraatti barreessi.

Fkn waa'ee dhimmoota Afan Oromoo irraatti barreeffamoota Barreeffaman argachuu yoo barbaadan akkuma faakkii armaan olii irraatti mul'atu Afan oromoo jettanni yoo jalqabdan Google Barreeffama barbaaddan wajjiin kan walqabatee fi namoonni biroo isiin duraa barbaadani yoo turan matadurreewwan keessa kan murta'ee filaannootti isiinif fida. Kun afaan interneetiin (artificial intelligence) jedhama. Tarreeffamoota keessa kan barbaadan yoo jiraate isumaa irraatti cuqaasu ni dandeessu kan barbaadan yoo hin jiraatiin garuu Barreeffama barbaacha keessanni barreessun itti fufu. Barreeffama barbaacha keessan barreessitanii ergaa geessitanii gabatee cuqoo keessan irraa enter dhiibi.
4) yeroo kanatti Google marsariitota Barreeffama barbaacha keenya wajjiin walqaabatan tarreffaman nu fida. Tarreeffammoota kanneen keessa barbaacha keenya wajjiin marsariitii hariiroo qaban jenne tilmamnuu cuqaasu ni dandeenya.

FKN: akkuma faakkii armaan olii irraatti mul’atu barreeffamoota bahan keessa lammaffa irraatti cuqaasi.

Kanaafuu akkuma suura armaan olii irraatti mul'atu barbaacha keessaniin waa'ee Afaan oromoo odeeffannoo Barreeffama argachuu dandeessanii jirtu. Kanaafu kanaan booda isiin irraa kan eegamu dubbisuudhan odeeffannoo argaatan gara fuuldurratiif olka’uu yoo barbaadan haaluma kanan dura ilaalen gara sagaanta Microsoft word warabuun (copy-paste) fi ka'uun (save) olka’uu ni dandeessu.

Yaadachiisa

Odeeffannoo dhufee gahaa ykn hariiroo hin qabu jettanii yoo yaaddan gara duuba deebi’uun firiiwwan barbaacha Google isiinif fide keessa kan biraa cuqaasun ilaalu ni dandeessu. Ammaalle gaha miti ykn wallitti dhiyaata yoo ta’uu baate Barreeffama barbaacha jalqaaba barreessitan jijjiruun yaalu dandeessu.
Mee barreeffamoota irraa deebine mata duree biraatiin barbaacha taasisu haa ilaalu. Ammaa immoo nyaata aada oromoo Anchootee akkamitti akka hojjatamuu barreeffamoota Barreeffaman keessa muraasa ilaaludhaf yaala.
Achuma barreeffamoota Barreeffaman yoo barbaadan bakka jirtaanitti yoo feetan bakka barreessa irraatti www.google.com jettanni barreessun isiin irraa hin eegamu. Kallattidhaan gara barbaacha keessannitti seenu dandeessu. Has ta'uu garuu mosaajii fayyaadama interneetii banamee ture yoo cuuftan tarkaanfiiwwan jalqaaba laman duratti armaan ollitti ilaale hojjaadha.
  1. Bakka barreessa Barreeffama barbaacha irraatti Anchote oromo food jechuun barreessun gabatee cuqoo keessan irraa enter dhiibi.
 yeroo kanatti Google Barreeffama barbaacha nuti barreessinefi wajjiin hariiroo qaban firiiwwan barbaacha nuf fida. akkuma faakkii armaan olii irraatti mul'atu barreeffamoota dhufan keessa kan jalqaaba irraatti cuqaasi.

walumagalatti akkuma armaan ollitti Ancoote hojjachuuf maal akka barbaachisu akkamitti akka hojjatamu hundaa Google wabeeffachuun argaachuu dandeenye jirraa. Kanatti ansuun isiin irraa kan eeggamu odeeffannoo argaatan sirritti dubbisuun hubachuu gara mana kuushina seentanii maatii keessaniif ajaab! jeechisu ni dandeessu.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Ads Blocker Image Powered by Code Help Pro

Ads Blocker Detected!!!

We have detected that you are using extensions to block ads. Please support us by disabling these ads blocker.

Powered By
Best Wordpress Adblock Detecting Plugin | CHP Adblock
error: Content is protected !!
Scroll to Top
Verified by MonsterInsights