Fayyadamaa interneetii

Mosajoota Garagara Barbaadanii Argachuu fi Warabuu

Google yemmuu fayyaadamnu wantoota jalqaaba irraatti ka’an keessa inni tokko fayyadama moabayila fi kompitaraa garagara barbaane argachuu fi mosaajiiwwan arganne kompitaraa ykn bilbila keenya irraatti feene fayyaadamudha. Hojiin kun tarii hojii barbaacha hanga ammaatti taasifne keessa ulfaata kan jedhaamu fi hojii dadhabsiisa jedhamudha. Sababni isaas Google irraatti mosaajota garagara barbaacha taasifne ergaa geessine gara kompitaraa keenyatti yemmuu feenutti baay'ee isaanii bilisa kan hin taane ( kaffalti gaafatan ) yeroon booda hojjachuu dhabuu (trial version) darbee darbee immoo virus ta'ani argamu danda'u. Hanga danda'amen rakkoolee kanneen furuun akkamitti mosaajii barbaane argachuu akka dandeenyu kan waliin ilaalu ta’a.
1) Jalqaaba irraatti mosaajii itti fayyaadama interneetii tokko banuun bakka teesso barreessa irraatti www.google.com jechuun barreessu, itti ansuun gabatee cuqoo irraa enter dhiibi.
2) Fuuli itti aane argitaan kun fuula jalqaaba Google yoo isiinif dhufe search cuqaasi.. Mosaajota garagara argachuuf kutaa kallatti fayyadamna.
3) itti ansuun mosaajii akkamitti argachuu barbaadanifi maqaa mosaajicha bakka Barreeffama barbaacha irraatti barreessi.

Yaadachisa

Mosaajota yoo barbaadan free full version download jechoota jedhan maqaa mosaajicha wajjiin fayyaadamun mosaajii barbaaddan argachuuf faayida guddaa qaba.
Fkn. mosaajii kompitaraa IDM jedhamu akkamitti akka barbaanu haa ilaalu. Akkuma faakkii armaan gadii irraatti mul'atu Barreeffama barbaacha keenya yemmuu barreessinu mosaajii barbaannu wajjiin free fi download jechoota jedhaman fayyaadamun ni gorfama.

4) Maqaa mosaajii barbaadanii barreessitanii ergaa xumurtanii booda gabatee cuqoo keessan irraa enter dhiibi.

Itti ansuun Google haaluma Barreeffama barbaacha itti himneen firiiwwan argatee Barreeffaman nuuf fida. Tarreeffamawwan dhufan keessa jechoota armaan ollitti ibsinee kan qbaate barbaane isuma irraatti cuqaasi.

5) Yeroo kanatti Google kallatiin gara marsariiti argamutti nu fudhaata. Kanatti ansuun marsariiti kana irraatti Barreeffama download jedhu barbaadun irraatti cuqaasi.
6) Download kan jedhu irraatti yeroo cuqaafnu mosaajichi marsariiti argamuu irraa kallattiin gara kompitaraa keenya waraabu jalqaaba. Yeroo kanatti odeeffanoon barbaachisa kennine waan xumureef mosaajicha gara kompitaraa keenya waraabuuf qophii xumurre jirra. Kanas agarsiisuf fuuli itti anuu nuuf dhufa. Itti ansuunis save file kan jedhu irraatti click gona. 
8) Ammaa Google wabeeffachuun mosaajiin kompitaraa argane gara kompitaraa keenyatti warabamu Jalqaaba. Kunis akkuma guddina fi xiqqeenna mosaajichatti yeroon fudhaatu dheeraas gabaabas ta'uu danda'a.
9) kompitari keenya mosaajichi guutuma guututti warabamee dhumuu yoo nuti himu mosaajii fayyaadama interneetii banamee turee cufuu ni dandeenya.
Itti ansuun bakka mosaajichi argamutti deemun jiraachuu isaa mirkaanessina.

Yaadachisa

mosoojonni garagara gara kompitaraa keenyatti yemmuu warabamutti yeroo baay’ee mosaajonni hammattuu Downloads jedhamu keessatti akka ta’an godhama.

Hubachiisa

Faakkii armaan olii irraatti kan mul’atu fi Google wabeeffachuun mosaajiin kompitaraa keenya irraatti warabnee setup/executable file jedhama. Executable file jechuun faayila kompitaraa gara kompitaraa keenya irraatti fe’amuf qophaa’e yoo ta’uu mosaajii kompitaraa executable file argane tajaajila guutu argachuuf hojiin itti ansee jiru mosaajicha kompitaraa keenya irraatti fe’udha.

Faayilota Excutable gara kompitaraa keenya fee’u.

1) sanduuqa qeeqaa dhufan yes ykn install, kan jedhan irraatti cuqaasi..

3) Dhumarratti hojii keenya yoo xumure kompitaraa dhamsun ibsuu.

4) kompitari keenya dhamee ergaa ifee booda mallattoo start irraatti yeroo cuqaasnu mosaajii fe’ame argachuu ni dandeenya.

Karaa kanaan faayiloota kompitaraa executable kammiyyu gara kompitaraa keenya irraatti fe’un fayyaadamu ni dandeenya. Hojii kunis gabaabatti software fe’uu jedhama.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Ads Blocker Image Powered by Code Help Pro

Ads Blocker Detected!!!

We have detected that you are using extensions to block ads. Please support us by disabling these ads blocker.

Powered By
Best Wordpress Adblock Detecting Plugin | CHP Adblock
error: Content is protected !!
Scroll to Top
Verified by MonsterInsights