Seena Dawwii marsaaritii ilaalu(History )
Mosaajiin fayyadama interneeta keenya dawwii marsaaritii taasifnu hundaa galmeessun seena keessa olkaa’a. Akka hin keene yoo nuti hin godhin alaa dawwii ji’a jahaa olka’uu danda’a. Kunis akkuma duratti laale marsaale laale yaadachuu fi laaluf faayida mataa isaa qaba. Haa ta’u garuu al tokko tokko hangi qabee seena lakkoofsa dabaala deemun kompitaraa keenya irraatti faayiloonni hin barbaachifne kuufamu danda’u. Kutaa kana keessatti seenota ta’an laalu fi seenawwan hin barbaachifne balleessu ilaala. Jalqaaba irraatti seenawan akkamitti baasu dandeenya jedhu haa ilaalu.
1) Mosaajii fayyadama keenya irraa History kan jedhu irratti yemmuu cuqaasnu tarreeffamawan nuuf dhufan keessa show all history kan jedhu cuqaasi.

2) Itti ansuun sanduuqa nuuf dhufuu keessatti seenawwan nuuf kaawaman keessa kan yeroo kam ilaalu akka barbaanu ergaa murteessinee booda isumarratti yeroo lama saffisaan cuqasi.

3) Dhumarrattis guyyaa filane irraatti cuqaasne keessatti marsaale dawwanee hunduu nuuf bahan. Marsariitin irraa deebine laalu barbaanu yoo jiraate isuma irraatti cuqaasun salphumatti dawwachuu dandeenya.
Akkuma seena daawwii marsaritti ilaalu dandeenye seena daawwii marsaalee hin barbaachifnes kompitara keenya irraa balleessu ni dandeenya.

Kana gochuufis.
1) Mosaajii fayyadama interneetii keenya irraa Tools kan jedhuu yemmuu cuqaasnu tarreeffamawwan nuuf dhufan keessa options kan jedhu cuqaasu.

2) Itti ansuun sanduuqa qeeqa keessa privacy & security kan jedhu ergaa cuqaasne booda qabduu clear your recent history jedhu irraatti cuqaasi.

3) Dhumarrattis sanduuqa qeeqa keessa seena daawwii balleessu barbaanu filaachun clear Now kan jedhu irraatti cuqaasi .

