Marsaaritii (website) fi Teesso marsariiti (Web address)
Interneetii yemmuu fayyaadamnu mosaajota fayyadama interneeta itti ansuudhan kan beekuu qabnuu waa'ee marsaarittii ykn website kan jedhamudha.
Marsaaritiin maali?
Marsaariiti jechuun Taajila Kuufama omisha dhaabata tokko qabateedha. Dhaabannni kun omisha fi tajaajila isaa interneetan beeksisu yoo barbaade:
Tarii immoo fayyadamtoota irraa yaada kan ittin fudhanu fuulota garagara qabachuu danda'a. Fuulonni kunneen walitti qabamun Marsaaritii jedhamu waamamu. Marsaaritiin kompitara giddu-galeessa tokko irraa ka'ama. Kompitari marsariitiin kun irraa ta'uu Saphaphuu kaadima (web server) jedhamun beekama. Maarree kompiyutarii kaadima kun saffisa ol'aana, humna deetaa guddaa baadhachuu /qabaachu/ fi al tokkotti fayyadamtoota hedduu dandeetti keessumessuu kan qabudha.

Kanaan booda nuurra kan eggaamu ykn fayyadamtoota irraa wanti eegamu teesso kompitaraa beekuudha. Sababni isaas teesso saphaphuu kaadima beekuu yoo hin dandeenye deetaa kompitaricha irraa marsaaritidhan argachuu hin dandeenyu. wanata Kana furuuf akka nu gargaaru aduunyalessi interneeta kompitara kanneenefi tokko tokko isaaniitiif teesso adda keennefi jira. Kunis uniform resource locator(URL) jedhamun beekama. Teesso fuulichi marsaaritti irraa jiru kompiyutara saphaphuu kaadima kan kennamedha. Kunis karaa gabaaba teesso marsaariti jechuu ni dandeenya. FKN. https://afaan-oromoo.com
Kanaafuu akkuma akkeenya armaan olii irraatti erametti teesso Afaan Oromoo Online kennamedha. Ammaa kompitaraa keenya irraa mosaajii fayyaadama interneeta tokko (Mozilla Firefox) banun bakka barreessa irraatti teesso kana yemmuu barreessinu Mozilla Firefox teesso kana gara kompiyutara saphaphuu kaadima deemuun marsaaritii isaa keessatti argamuu gara kompitaraa keenyatti fidaa jechuudha. (WWW) World Wide Web ykn Web jedhamuunis beekamu, walitti qabama marsariitiiwwan ykn fuula weebsaayitii weeb sarvaroota keessatti kuufamanii fi kompiitara naannoo waliin karaa interneetii walqabsiifamaniidha.

Bu’uuruma kanaan marsariiti dhaabata kamiitu yemmuu jalqaabu wwwdhan ta’a, itti ansuun maqaa dhaabaticha dhumarrattis ibsaa tishuu gosa dhaabaticha kan qabaatu ta’a. FKN www.oeb.gov.et kan jedhuu fudhaane yoo ilaale akkuma teesso marsaale hundaa kan jalqaabu www dha. Itti ansuun maqaa dhaabaticha (oeb) arganna. Gara dhumarrattis waa’ee dhaabaticha kan ibsuu Tishuu (.gov) jedhu qaba. FKn .com kan agarsiisu government jechuu yoo ta’u dhaabata mootumma ta’uu nuti agarsiisa.
Gosoota tishuu muraasa haa ilaaluf:-
.edu-education (dhaabata barnootaf hundeeffame) .gov-Government (Dhaabata motuumma) .org-organization (Dhaabata miti-motummaa ykn bilisan hojjatu)
Teesso marsaale tokko tokko immoo odeeffannoo dabalaatas qabachuu danda’u, akkuma biyyaa marsariitti argamutti. FKN www.aau.edu.et
– Teesson kun marsariiti Yuuniveersitii finfinnee yoo ta’uu, maqaa dhaabatichas faana kan mul’atu .edu kan jedhu ni argama. Kunis dhaabata barnootaf hundeeffame ta’uu nuti agarsiisa. Gara dhumarratti kan argamu fi .et kan jedhu Ethiopia jechuudhaf yoo ta’u marsariitiin kun kan argamu Itiyoophiyaa keessatti akka ta’e agarsiisudhaf kan taasifamedha. Haaluma kanaan .ca (Canada), Uk (United kingdom) kan jedhan tishuuwwan akkana marsariitii biyyaa keessatti argaman kan agarsifaman ta’a.
