Fayyadamaa interneetii

Hojiiwwan Gmail ol’aana ta’an

Hanga ammaatti hojiiwwan email bu’uura jedhaman fi hojiiwwan hangaftoota gmail ilaaluf yaale jira. Qabxiiwwwan armaan oliitti ilaale sirritti yoo qalbeeffame hojiiwwan guyyaa guyyaatti rakkoo tokko malee rawwachuu dandeenyudha.

Dabalatanis hojiiwwan ol’anaa gmail kan jennee keessa muraasa mee haa ilaaluu.

Jalqaaba akkawuntii gmail keenya uumneef jecha darbii galchine (password) jijjiruu.
Ergaawwan email erginu wajjiin mallattoo walqabsifnee erguu( signature) nama nuti hin barbaane irraa ergaan email akka hin dhufne dhorkuu( Blocking)
Ergaawwan email yemmuu dhufan hammattu inbox keessa seenu irraa hammattuun nuti uumne keessa akka seenan gochuu ( Filtering) .
Yeroo tajaajila email hin arganetti ergaa dursinee qopheessine gmail ofuma akka deebisuu taasisu ( Auto response) fi kkf waliin kan hojjanu ta’a.

A) Jecha darbii keenya (password) jijjiruu

Akkawuntii gmail yemmuu uumnu akka odeeffannootitti akka galchinuu wantoota nurra eegamaan keessa inni tokko jecha darbii (password)dha. Kanas jalqabarratti yeroo galmee jecha darbii galchinee odeeffannoodhan ta’ee sababoota garagaratiin jijjiruu barbaana ta’a. Haa ta’u garuu garagaruma yeroo murtaa’e keessatti jecha darbii kana akka jijjiruu ni gorfama.

  1. Akkawuntii gmail gara bitaatti kan argaamu maqaa keenya barreeffame kan jiru irraatti cuqaasun itti ansuun tarreeffama dhufan keessa Manage your Google Account kan jedhu cuqaasi.
  1. Filannoowan jiran keessa security kan jedhu filachuun sana booda qabduu password jedhu irraatti cuqaasa.

4) Ammaa google jecha darbii keessan jijjiruuf akka ta’ee waan hubatuuf , hojii kana hojjacha kan jiru isiin ta’uu mirkanneessuf jecha darbii akka galchitan fuula itti aanu isiiniif fida. Ammaa jecha darbii itti fayyaadama jirtaan galchuun Next kan jedhuu irraatti cuqaasi.

5) Ammaa google gara fuula dhumatti irraatti nu fudhaata. Itti ansuudhan fuula isiini dhufu irraatti sanduuqawwan keessatti barreessi. Sanduuqa jalqaba keessatti jecha darbii haarawa barreessun, sanduuqa lamaffaa keessatti immoo ammas irraa deebi’un jecha darbii haarawa jijjiruu barbaanu barreessina. Dhumarrattis Change password kan jedhu irraatti cuuqasaa.

B) Ergaawwan email mallattoo keenya wajjiin walqabsiisu( signature)

Ergaawwan email biroo akkaatuma erginuun dhumarratti nagayaa wajjiin jechuu yoo barbaane ykn maqaa keenya, gahee hojii fi teesso keenya akka walqabsiisu yoo barbaane yemmuu ergichaa erginuun barreeffama kana barreessun nurraa hin eggaamu. ergaa keenya waajjiin yeroo maraa dhaabatan akka walqabatu barreeffamni barbaanu signature jedhamu beekama.

  1. Akkawuntii gmail keenya gara bitaatti kan argamuufi settings kan jedhu irraatti cuqaasaa. settings barreeffama jedhu yoo hin argaatiin mallattoo geengoo irraatti cuqaasi.

Hubachiisa

Hojiiwwan ol’aana gmail hundi kan argaman Settings kan jedhu keessatti.
  1. Itti ansuun fuula Settings keessa signature kan jedhu irraatti cuqaasi. Bakki barreessa kun jalqaba barreeffama akka fudhaatuuf show a plain text signature kan jedhu filaachu nurraa jiraata. Kanatti ansuunis bakka barressa keessatti ergaa email keessan waajjiin barreeffama walqabsisu barbaadan barreessa.

3) Barreeffama barbaanu barreessine ergaa geessine booda gara dhuma kan argamtuufi save (Save changes) cuqaasi. Gmail mallattoo keenya qajjeelloodhaa akka olka’amee nuu beeksisa. Kana booda ergaa kammiyyuu namoota birootiif yoo erginuu gmail barreeffama as biraatti barreessine akka mallattootti ergaawwan keenya wajjiin walqabsiise nuuf ergaa jechuudha.

C) Gmail ergaa akka nuuf dabarsuu gochuu( auto response)

Ji’aaa tokkof ykn kana ol hojii irraa boqonna fudhaachuu barbaaddu haa jennu yookiin immmoo ji’aa tokkof bakka tajaajila email hin arginee deemtan haa jennu, Yeroo kanatti ergawwaan email isiniif ergaamaniif hundaaf gmail ofuma isaatiin deebii akka isiniif deebisuu gochun ni dandeessu.

1) Fuula Settings irraa yoo jiraattan kallattidhaan vacations responder on kan jedhu cuqaasaa.

2) Itti ansuun kutaa cinaan isiin dhufuu irraa vacations responder barreeffama jedhu fulduratti mallattoo rog-afree jirtuu irraatti cuqaasun Boqonna kan fudhaatan m-d-y yommirraa kaase hanga yoomi akka ta’e sirreessa, dhumarrattis namoonni ergaa email gosa kammiyyuu yoo isiiniif ergan ergaa barreeffama isiinif akka deebisu barbaadan barreessatiin save changes kan jedhu cuqaasi.

D) Ergaawwan email keenya calaluu (Filtering)

Ergaawwan email yemmuu dhufan hammattu inbox keessa galuura kallattidhan hammattuu nuti uumne keessa akka galan gochuu ni dandeenya. Fkn namni X jedhamu ergaa email yoo erge hammattuu inbox keessatti osoo hin taane hammattuu ani uume qopheeesse keessatti nuuf kaa’i jenne itti himu jechuudha. Kanas gochun keenya ergaawwan email keenya bakka tokkotti baay’atani barbaadudhaaf baay’ee rakkisaa akka hin taanef nuu faayyada. Mee gara hojii keenya haa deemnu.

1) fuula Settings irraa kan jirtaan yoo ta’ee kallattidhaan filters and block addresses kan jedhu irraatti cuuqasi.

2) Tokko tokko namootatiin caalali garagara waan hojjannuuf ammaa nama jalqabatiif calaali hojjachuuf create a new filter kan jedhu irraatti cuqaasi.

Ammaa foormii isiinif dhufu irraatti hunda’uun filter name bakka jedhuu irraatti maqaa calaali barreessu (maqaa nama calaali hojjacha jirtanii barreessu dandeessu) bakka barreessa sender jedhu irraatti teesso email nama caalali hojjachufi jirtanii barreessu.

Armaan olitti akkuma mul’atu namni teesso email isaa tutor@free-training-course.com jedhu qabu gara e-mail kiyyaa ergaa yeroo erguutti gara hammattuu inbox keessatti osoo hin taane kallattidhan hammattuu Barnoota jechuudha hammattuu uume keessatti akka naaf kaa’u godhee jechuudha.

4) Dhumurrattis gara gajallaa irratti save changes kan jedhu irraatti cuqaasun xumuru. Kanaafuu haala armaan olittiin teesso email itti himneen ergaa gosa kammiyyuu yemmuu nuuf dhufu gmail kallattidhan hammattu sirreessine keessatti ergicha nuuf olkaa’a.

Haaluma kanaan nama barbaadaniif hundaa calallii hojjachun ergaa email enyuu hammattuu kamiin keessa ta’uun akka qabu himaa fi hojiin keenya salphisu dandeenya.

E) Ergaa email hin barbaane dhorkuu (blocking)

Akkuuma armaan ollitti ilaale account email keenya keesaatti ergaa email nuti hin barbaane yoo jiraate balleessu yeroo murtaa’e booda hammattuu inbox keenya keessa ergaa akka hin seene barbaane gara hammaattu spam keessatti erguu laale jira. Ammoo immoo ergaa nuti hin barbaane gonkuma account keenya akka hin dhufne akkamitti gochuu akka dandeenyu ilaala.

1) Dabalata (tuqaawwan dhaabbataa sadan qaree Deebii cina jiran) filadhuutii sajoo irraa “maqaa ergaa” ugguruu filadhu.

2) Qaaqa Teessoo iimeelii kana ugguruu keessatti, Block kan jedhu filadhu.

F) Ergaawwan email barbaadani argachuu

Ergaawwan e-mail keenya akkatuma baayyata dhufaniin kun nuti ergeenis ta’ee ergaawwan namoota biroo nuuf ergaman dafanii argachuun rakkisaa nuti ta’uu danda’a. Kanafis gmail ergaawwan email keenya karaa salphaatti barbaane argachuu dandeenyu nuuf qopheesse jira.

1) Akkawuntii gmail keenya gara oliitti sanduuqa barbaada keessatti maqaa ergaa ykn barreeffama barbaacha biroo barreessu dandeenya.

  1. Barreessitanii ergaa xumurtaniibooda qabduu search cuqaasaa.

Yeroo kanatti gmail barreeffama barbaacha barreessine kan guutan(wal fakkaatan) ergaawwan e-mail hundaa hammattuu keessa barbaadee nuuf baasa. Ergaa barbaanu irraatti cuqaasun dubbisuu ni dandeenya jechuudha.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Ads Blocker Image Powered by Code Help Pro

Ads Blocker Detected!!!

We have detected that you are using extensions to block ads. Please support us by disabling these ads blocker.

Powered By
100% Free SEO Tools - Tool Kits PRO
error: Content is protected !!
Scroll to Top
Verified by MonsterInsights