Teessowwan marsariiti barbaadu
Gara dhaabata tokko bilbila bilbiluu yoo barbaadan fi lakkoofsa bilbilaa dhaabaticha yoo hin beekin maal gootu? Filaanoon jalqaaba nama dhiyoo keessan jiru bilbilaa dhaabaticha ni beeka jettanii tilmaamtan tokko gaafachuu yoo kan beekuta’e isiinitti himee bilbiluu. Filaannoo inni biraa immoo gara giddugala(997) bilbiluun odeeffannoo dhaabaticha gaafachuu. Inteernetii yemmuu fayyadamtaniis hojmanni kanarra addaa taasisu hin jiru. Interneetii fayyaadamun odeeffannoo dhaabata tokko argachuu yoo barbaadan, teesso marsaariiti dhaabaticha beekuu nurraa jiraata. Yoo hin beekin akkuma lakkoofsa bilbilaa argachuuf fayyaadamne marsariiti dhaabata sana nama dhiyoo gaafatu ykn Google fayyaadamun marsariiti dhaabaticha barbaadanii argachuun gara marsariiti dhaabaticha deemu. Kana gochuufis:-

1) Jalqaaba irraatti mosaajii fayyaadama interneetii tokko banuun bakka teesso barreessa irraatti www.google.com jedha barreessa. Itti ansuun gabatee cuqoo keessan irraa enter dhiibi. 2) Itti ansuun teesso marsariiti dhaabata kaami argachuu akka barbaadan bakka barreessa barbaacha irraatti barreessi. Fkn teesso marsariiti Ministeera barnoota yoo barbaadan Barreeffama barbaacha irraatti Ministry of education ethiopia jechuun barreessitan jechuudha.

4) Itti ansuun Google Barreeffama barbaacha nuti barreessinefi wajjiin wallitti hidhinsa /hariiroo/ firiiwwan barbaacha hedduu nuuf fida. Ammaas kan barbaanu teesso marsariiti waan ta'eef firiiwwan barbaacha tokko tokkon isaanii jalatti miila jalatti halluu magariisan kan Barreeffaman ilaaludhaan ani kan barbaadudhan jettanii kan yaadan ykn ammaantan irraatti cuqaasi. teessowwan marsariiti dhufan hunduu kan nuti barbaannu ta'uu dhabuu danda'u. Kanas beekuu kan dandeenyun gara fuuldura, gara duuba deebi'uun firiiwwan tokko tokko isaanii irraatti cuqaasun ta'uu danda'a. 5) Ammaaf firiiwwan barbaacha Google dhufuu keessa jalqaaba irraatti cuqaasi.

Kanaafu akkuma faakkii armaan olii irraatti ilaalu firiin barbaacha cuqaafne sirri ta'ee argamee jira. Kanaan booda gara marsariiti ministeera barnoota deemun teesso isaa argachuuf gara Google biraa deemun nurraa hin eegamu. Teesso marsariiti arganne dabtaraa yaadannoo irraatti haaluma kanan dura ilaalen qabachuu. Yeroo itti anuutti kallattidhan gara marsariiti kana deemu dandeenya.
Suurale garagara barbaadu fi kompitaraa keenya irraatti waraabu
- Google irraatti hojiiwwan hojjennu keessa suurale garagara barbaadun isaa tokkodha. Armaan ollitti odeeffannoowwan garagara akkuma argane haaluma walfakkaatun suura dhimmoota garagara irraatti maxxaanfaman barbaadun argaachuufi suura argaane gara kompitaraa keenyatti waraabu ni dandeenya. Jalqaaba irraatti barbaacha suura akkamitti gochuu dandeenya haa ilaalu.

1) mosaajii fayyaadama interneetii tokko banuun bakka teesso barreessa irraatti www.google.com jechuun barreessu. Itti ansuun gabatee cuqoo keessan irraa enter dhiibi..
2) Fuulli ilaaltan kun fuula jalqaaba Google yoo isiinif dhufu images kan jedhu irraatti cuqaasun akkuma armaan ollitti ilaale suurale garagara kan argannuu kutaa kana irraa ta’a.
3) Itti ansuun faakkii enyuu ykn faakkii maali akka barbaadan bakka Barreeffama barbaacha irraatti barreessu. FKN Akkuma faakkii armaan gadii irraatti mul’atu faakkii Loreet Tsagayee Gabramediin yoo barbaane maqaa isaa bakka Barreeffama barbaacha barreessina. Barreessitanii yoo geessitan gabatee cuqoo keessan irraa enter dhiibi.
4) Kanaafu akkuma faakkii armaan olii irraatti mul’atu Google haaluma Barreeffama barbaachatiin itti himne suurale hedduu barbaadee nuuf fide jira.
Itti ansuun firiiwwan suura nuuf dhufan irraatti kan jaalatani fi sirriitti laalu kan barbaadan irraatti clock gochuun ilaalu jechuudha. Walumagalatti haaluma armaan ollitti ilaalen suura gosa kammiyyuu Google wabeeffachuun barbaane argaachu dandeenya. Itti ansee immoo suura barbaane arganee akkamitti gara kompitaraa keenya irraatti waraabu (naqaachu) akka dandeenyu haa ilaalu. Kana gochuufis

1) Suura barbaane argane irraatti right cuqaasun gochu itti ansuun tarreeffamawwan isiinif dhufan keessa save images as kan jedhu irraatti cuqaasi.

2) Itti ansuun Google suuricha gara kompitaraa keessanni irraatti waraabu akka barbaadan waan hubaatuf sanduuqa qeeqa keessatti maqaa suura ittiin olka’uu barbaadan barreessi.. 3) Faakkii armaan olii irraatti Akkuma mul'atu bakka argama suuricha Downloads yoo ta’uu, maqaa suuricha immoo Tsegaye Gebre-medhin jechuun sirreessu ni dandeessu. Bakka ta'uumsa isiin filaatanfi maqaas kennuu dandeessu. Odeeffannoo sirreessitanii ergaa geessitanii booda save kan jedhu irraatti cuqaasi. Yeroo kanatti suurichi gara kompitaraa keessanii irraatti waraabamu jalqaaba. Akkuma guuddina fi xiqqeenna suurichatti yeroon warabuuf fudhaatu garagara ta'uu danda'a.

Hojii warabuu ergaa geesse booda suura warabame haaluma itti himnen olka’ee arganna. Kanaafu suura kana kompitaraa keenya irraatti waan warabneef gara fuldurraatti hojii barbaanefi bakka barbaane irraatti fayyaadamu dandeenya.
