Microsoft outlook 2013dhaf teesso email keenya beeksisu.
Microsoft outlook 2013 irraatti odeeffannoo teesso email keenya yoo hin galchine Sagaantichi guutuma guututti hin baanu. Kanaafuu wanta kammiyyuu duraa odeeffannoo teesso email keenya galchuudhan hojii keenya jalqabna. Kana gochuufis

- Sagaantichi yemmuu banamuu kan nuuf dhufuu gaaffii jalqaaba argii irraatti next kan jedhu cuqaasi.

2) Itti ansee fuula nuuf dhufu irraatti yes kan jedhu fuldurratti mallattoo geengoo jirtuu irraatti Cuqaasun sana booda next kan jedhu cuqaasi.

3) Ammaa fuula odeeffannoo teesso email keenya galchinu irraa geenye jirra. Outlook itti ansuu karaalee waljijira odeeffannoo filaachuuf nuuf fida. Filannoowwan kanneen keessa ammatti nuti kan barbarbaanu waljijjira email waan waan ta’eef e-mail Account kan jedhu fuldurraatti mallattoo geengoo jiruu jiruu cuqaasun next kan jedhu cuqaasi.
4) Fuulli itti aane nuuf dhufuu kun jalqaba fi oddeeffannoo waliigala keenya fuula keessatti galchinudha. Akkumaa armaan gadiitti faakkii irraatti mul’atutti walduraa duuban odeeffannoo e-mail keessanii galcha.

5) Akkuma faakkii armaan olii irraatti mul’atutti haaluma kanaan odeeffannoo keessan galchitanii ergaa xumurtanii finish kan jedhu cuqaasi.

kun fuula jalqaaba Microsoft outlook yoo ta’uu kanatti ansuudhan outlook fayyaadamudhan akkamitti ergaa email akka fudhaanuu fi akka erginuu ilaala.
