Marsaariti search engine Google fi kutaa tools beekuu
Barbaacha interneeta wajjiin walqabatee sa'ati ammaatti adduunya keenya irraatti fayyaadamtoota hedduu akka qabu kan himamuuf google odeeffannoowwan fayyaadamtootaf geessuf teeknoloojii barbaachaafi hojmataa salphaa kan fayyadamudha. akkasumas oddeeffannoowwan hedduu saffisaa argamsisuun search engine lakkoofsa tokko akka jedhamu taasise jira. Google ji'atti si'a biiliyoona 89.3 daawwatama. Google hanga Guraandhala 2022tti qooda gabaa dhibbeentaa 91.9 qaba. Google guyyaatti barbaacha biiliyoona 8.5 ol adeemsisa.
1) Jalqaaba irraatti mosaajii itti fayyaadama interneeta banuudhaan bakka teesso barreessa irraatti www.google.com jechuun barreessi. Itti ansuun gabatee cuqoo keessan irraa enter dhiibi.
2) Fuulli itti ansee ilaaltan kun fuula jalqaaba google yoo ta'u akkuma armaan oliitti mul'atu hojii keenya kan ta'an kutaale garagaratu jira.
Kutaaleen kunneen maqaan isaanii akkuma ibsuu, suurale yoo barbaanu , barbaacha kartaaf , oduu argaachuuf fi kkf jedhamanii qoqadamanii jiru. Tokko tokko isaanii irraatti yemmuu cuqaafnu fuula meeshalee isaanii nuuf fida.
Search
Tessoo marsaaritoota garagaraa, barreeffama dhimmoota garagaraa irraatti barreeffaman, mosaajiiwwaan moobayila ykn kompitaraa yemmuu barbaanu kutaa meesha kanatti fayyadamna.
Image (suurawwan)
Kutaa meesha kun immoo suurawwan garagara yemmuu barbaanu kan itti fayyaadamnudha.
Maps (kartaawwan)
Kutaa meesha kun Aduunya keenya foddaa kompitaraa keenya irraatti teenye kan nu agarsisuu yoo ta'uu kaartaa aduunya nu dhufu gara bakka barbaanutti sochosun guddisuu fi xiqqeessu (faggeessu) bakka barbaanu qulqulinaan laalu kana irraas darbee dabalaatan barbaachisa ta'ee yoo arginee nama biraatif odeeffanoo akka ta'u naannoo sanaf maqaas galchuun ni dandeenya.
News(oduu)
Taatewwaan aduunya irraa jiran fi oduu harawaa dubbisuuf yoo barbaanes google iddoo kan isiinif qopheesse jira. Fuula kana irraa teenye mataduree oduu barbaanu yoo barreessinu google barbaade nuuf fida. Google kutaale meeshale dabalaata biroo qaba. Kan akka qooqa jijjiruu, kitaaba fi wkf. Mee kutaale meesha Google armaan ollitti ilaale fayyaadamun hojii keenya akkamitti akka hojjannu tokko tokkon haa ilaalu.
Related