Fayyadamaa interneetii

Mosaajota fayyaadama interneetii(web browsers)

Ammaa waa’ee maalumma Interneta fi kompitaraa keenya miseensa Interneeta gochuuf maal akka nuu barbaachisu ergaa hubanne booda, kanatti ansuun kompitaara keenya irraa teenye interneta fayyaadamuf maluumma mosaajota kompitara nu barbaachisan ilaala. Kompitaraa keenya irraatti xalayaa barreessu yemmuu barbanne Sagaanta Microsoft word ykn wordpad banuun fayyadamu ni dandeenya. Kana malees hojii suura waajjiin kan walqabatu hojjachuu yoo barbaanne paint ykn Adobe Photoshop banuun hojii barbaanne rawwaachu ni dandeenya. Haaluma walfakkaatun kompitaraa keenya irraatti interneeta fayyaadamu yoo barbaane mosaajota kanaaf jedhamanii qophaa’an banuu qabna. Mosaajonni kunneenis mosajii fayyadama interneeta (Web Browsers) jedhamun beekamu.

Mosaajonni fayyadama interneeta kunneen gosaa baayee ta’anis hojiin isaanii walfakkaatadha.

FKN.

  • Internet Explorer
  • Mozilla Firefox
  • Google Chrome
  • Opera mini
Kanaafu interneeta fayyaadamu barbaadne(yaadne) mosaajota armaan olitti eraman keessa tokko kompitara keenya irraa jiraachu qaba. Mosaajonni fayyadama interneetii armaan olitti eere fakkeenyaf kan laale malee yeroo ammaatti mosajonni fayyadama interneeta danuu(hedduu) ta'an akka jiran beekamadha. Kanatti ansee itti fayyadama interneeta karaa salpha ta'een barsiisuuf jecha mosaajota kanneen keessa lama fudhanne haa ilaala maal akka fakkaatus haa ilaalu.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Ads Blocker Image Powered by Code Help Pro

Ads Blocker Detected!!!

We have detected that you are using extensions to block ads. Please support us by disabling these ads blocker.

Powered By
100% Free SEO Tools - Tool Kits PRO
error: Content is protected !!
Scroll to Top
Verified by MonsterInsights