Internet Explorer
Omishaa dhaabata Microsoft corporation kan ta’e internet explorer mosaajii fayyadama interneeta baay’ee beekamo ta’an keessa isaa tokkodha. Biyyoota akka Ameerikaa kibbaa, Awustraliyaa fi biyyoota baha keessatti baay’inan fayyadamtoota hedduu kan qabuudha. Mosaajiin fayyaadama interneeta kunis biyyaa keenya keessattis fayyaadamtoota muraasa lakkoofsan lakkaawaman jedhaman kan qabudha.

Akkumaa faakkii armaan olii irraatti argamutti Sagaanta internet explorer kabala(bars) hojiiwwan garagaraa hojjachuuf nu gargaaran qabaate jira. kabalawwan kunneenis fayyaadama interneeta irraatti hojii irraa kan oolan yoo ta’u faayidale isaanii beekuun barbaachisadha. waan ta’ef, kanatti ansee tarreeffame.
A) kabala mataduree (Title Bar)
Kun fayyaadama interneeta hundaa irraatti gara gubatti kan argamuu yoo ta’uu, maqaa marsariiti banamee fi maqaa program itti fayyadama jirru kan qabatuudha.
B)kamshaa (ToolBar)

Title bar itti ansee kan argamuu Tool bar jedhamuun kan beekamu yoo ta’uu, interneetii yemmuu fayyadamnu kutaa hojii baay’ee itti hojjanu yoo ta’uu marsaariiti Dhaabata laalu barbaanu kan irraatti barreessinu fi kana malees ajaajota barbaachiso ta’a kan qabaatudha.

I) Duuba (Back)– marsaariti dhaabata tokko yemmuu fayyaadamnu marsaariti dhaabata tokko irraa gara dhaabata biraatti jijjiruun waan hin hafneedha. Yeroo kanattis marsaayiti duratti laale sanatti deebi’uuf yoo barbaane hojmata kana fayyadamu ni dandeenya.

II) dabarsi (Forward)– hojmani kutaa kana immoo duratti kan back wajjiin tajaajila walfakkaata qabaatanis haa ta’uu garuu inni kun garuu duubatti deebi’uu irraa gara fuuldura akka deemnu nu taasisu isaati.
III) kabala teessoo (Address Bar)-
inni kun kutaale baay'inan jalqabarratti itti fayyaadamnu yoo ta'u faayida isaas teesso dhaabata marsaariti dawwaachu kan irraatti barreessinidha.


V) haaromsi (Refresh/Reload):- Interneetii osoo fayyaadama jiruu gidduudhan walqunnamtiin yoo addaan citee ykn saffisni isaa kan eegnuu ollitti gad-anaa yemmuu ta’uu fi Teesso barreessine irraa deebine yaalu yoo barbaane hojmata kana fayyaadamu dandeenya.

V) Dhaabi (Stop):- Teesson barreessine dogoggoora yoo qabaate ykn teesso dhaabata tokko barreessine ergaa geessine booda gara teesso dhaabata sana deemu yoo hin barbaane (yaada yoo jijjiree) Battalumatti dhaabsisuu dandeenya. Hojmata kanaf kana cuqaasu dandeenya.
C) kabala baafataa (Menu Bar):-

Inni kun menu bar jedhamun kan beekamu dalaaga mosaajii kompitaara tokko of keessatti kan qabatuudha ykn hammattuudha. Kana jechuunis FKN: duraatti kan turefi hojmataawwan tool bar jiran irraa caalaa menu bar keessatti argachuu dandeenya. Menu Bar hojmataa kutaale bariwwan kan biroo irraa jiran fi dabalaata kennuun kutaale of keessatti qabaata.

Maqaawwan tokko tokko menu bar irraatti argaman yemmuu cuqaasne tajaajila isaan jalatti argaman hunduu nuuf tarreeffama.
D)Caancala (Tab) :-
Interneetii yemmuu kompitaraa keenya irraatti fayyaadamnu yeroo walfakkaata keessatti marsaale dawwachuu dandeenya. Kun immoo kan nu gargaaru yeroo fi mallaaqa keenya seeran akka itti fayyadamnu nu gargaara. Kana gochuuf filannoowwan lama qabna.
ISAANIS:- 1) Tokko tokko marsaayitootaf program internet explorer garagara banu.
2) Program internet explorer tokko irraa tab dabalaata banuu.
Filannoo lamaffaa yemmuu fayyadamne kara salphaa ta’een tab haarawa banuuf + irraatti cuqaasne booda tab harawa nuuf dhufuu irraatti tessoo marsaayiti garagara program internet explorer tokko irraa ta’un fayyaadamu dandeenya.

E) Display Area

Kanaafuu kompitara keenya irraatti walqunnamti interneeta yoo jiraate fi armaan duraa bakka tessoo irraatti kan barreessine/teesso/ sirri yoo ta'e odeeffannoo marsaayitii dhaabata laalu barbaane bakka irraatti laalutti nu fida. Haa ta'u garuu akkuma gubarratti laaltan kan faakkii irraatti argamu internet explorer cannot display the webpage jedhu yoo kompitara keenya irraatti dhufe walqunnamtiin interneeta akka hin jire fi teesson marsaaritti sirrk akka hin taane nuti agaarsisa.
F) kabala haalojii (Status Bar):- Sagaanta internet explorer irraatti gara jalan kan argamuu yoo ta'uu faayidan isaas adeemsa jiruu kan nuti agarsisudha. FKN Marsariitin akka nuuf dhufu gaafane guutuma guututti yoo dhufe barreeffama done jedhufi sababoota garagaratiin marsariitichi dhufu yoo hin dandeenye immoo barreeffamota Error jedhu fiduudhan maaltu akka adeemsifama jiru status bar nuti agarsiisa.

inni kun kutaale baay'inan jalqabarratti itti fayyaadamnu yoo ta'u faayida isaas teesso dhaabata marsaariti dawwaachu kan irraatti barreessinidha.