Fayyadamaa interneetii

Ergaa E-mail keenya miltoo (attachment) wal qabsiisuu

akkuma armaan dura ilaaluf yaalametti ergaa barreeffama email salphaa jedhaman taasisun akkamitti Nama tokkof ykn namoota baay’eef erguu akka dandeenyu baranne jirra. Kanatti ansuudhan immoo ergaa barreeffama keenya wajjiin miltoowan (attachment) garagara (Fakkiiwwan, faayilota ms office hojjataman ykn odeeffannoo dabalaata biroo akkamitti walqabsifne akka erginu ilaala.

  1. Kanaan dura haaluma ilaalen teesso nama ergaa erginuufi (Bakka barreessa irraatti) matadure ergicha akkasumas cc fi BCC namoonni erginuufi yoo jiraatanis akkasumatti tokko tokko isaaniitiif bakka qophaa’efi irraatti barreessina. Itti ansuun ergaa email jalqaba bakka nuuf qophaa’e irraatti ergaa barreessine booda ergaa keenya odeeffannoo dabalata wajjiin walqabsiisuf deemna. Kana gochuufis qabduu Attach files kan jedhuu irraatti cuqaasaa.
  1. Itti ansuun faayila walqabsifne erguu barbaanu kompitaraa keenyarra seenun galchuu akka dandeenyuf fuula kan itti anuu nuuf fidaa.
3)  faayila walqabsiisun barbaanu essatti akka argamu itti himuu qabna. Kana gochuufis gara harkaa mirgaatti filaannoowaan argamaan keessa bakka faayili keenya jiru irraatti mirga cuqaasun galchuu dandeenya. FKN Faayili ani galchuu barbaadu hammattuu ICT kan jedhu keessa osoo ta'ee isuma irraatti cuqasun faayilii walqabsiisu yoo nuuf dhufe faayilicha irraatti cuqaasa. Dhumarattis open kan jedhu cuqaasi.
C:UsersAbdulselamDesktopcc useralways NAbduselamPicturespackUntitled 267.jpg
  1. Ammaa faayila barbaanu kompitaraa keenya irraa gara ergaa email keenya keessatti walqabsiisa jira. Kanas agarsiisuf gmail faayila itti himne ergaa keenya wajjiin walqabsiisa jiraachu isaa nuti hima jira.

4) Turtii muraasa booda ( dheerina daqiiqaa akkuma guddina fi xiqqina faayila keenyatiin garagarumaa qaba.) Faayila keenya ergaa email keenya wajjiin akka walqabatee nuti mul’ata. Dhumarratis Send kan jedhu cuqaasun ergaa email keenya faayila miltoo wajjiin erguu dandeenya.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Ads Blocker Image Powered by Code Help Pro

Ads Blocker Detected!!!

We have detected that you are using extensions to block ads. Please support us by disabling these ads blocker.

Powered By
Best Wordpress Adblock Detecting Plugin | CHP Adblock
error: Content is protected !!
Scroll to Top
Verified by MonsterInsights