Fayyadamaa interneetii

Haala waliigalaa Google Gmail fi Kutaalee ergaa Imeelii

Ammaa akkawuntii imeelii gmail keessa seenne jirra. Kanas mirkanneessuf kanatti ansee kan argamuu fuula gmail nuuf dhufaa.

kan armaan ollitti mul’atu kun akkawuntii email dhuunfa keenya yoo ta’u hojiiwwan email kan hojjanus kuufama kanarratti ta’a. Hojii keenya eegaluun duraa garuu akkawuntii email keenyatiin gara mirgaatti kan argamuu iddoowwan hojmataa tokko tokko beekuu qabna.

Barqii (Compose):- kun kutaa hojmataa jalqaaba yoo ta'uu nama biraatiif email haraawa barreessu yoo barbaanu kan itti fayyadamanudha.
simergaa (Inbox):- kun immoo ergaa email namoonni biroo nuuf ergaa bakka keessatti argamudha. Haa ta'u garuu cuftuu kanaan booda lakkoofsi argamuu email akka hin dubbifne akka jiran kan nuti agarsiisudha.
wixina (Drafts):- Ergaa email haraawa barreessu jalqabne sababa wayiitiin yaadicha addaan kutuu yoo barbaadne fi turee yaadota dabalaata itti guutne erguu yoo barbaane ergaa ruqaa kutaa keessa tura. Itti fayyadamun kutaa kanafis gara booda irraatti ilaalu ta'a.
Erga (Sent):- Kun immoo ergaawwan email duratti ergine bakka keessatti argamanidha.
Spam:- Gara hammaattu ergaa fudhaatiti emailota galchun barbaanu kan keessa ta'an yoo ta'u yeroo tokko tokko email dhufe virus yoo qabaate ykn faayida qabeessa miti jedhe yoo yaade yahoo ofuma isaatiin bakka galchun danda'a.
Kosii (Trash):- Emailiwwan ballerssine (haqnee) kan keessa ta'anidha.

Kanaafu ammaaf bakka hojmataa kanneen yoo beeknee gahaadha. Kanaan booda tokko tokko isaaniitti fayyaadamun nama biraatiif imeelii erguu, imeelii nuuf ergame ilaalu, imeeliiwan nu hin barbaachifne balleessu akka dandeenyu fi hojiiwwan biroo walduraa duubaan ilaala.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Ads Blocker Image Powered by Code Help Pro

Ads Blocker Detected!!!

We have detected that you are using extensions to block ads. Please support us by disabling these ads blocker.

Powered By
Best Wordpress Adblock Detecting Plugin | CHP Adblock
error: Content is protected !!
Scroll to Top
Verified by MonsterInsights