Fayyadamaa interneetii

Interneetiin Maali?

Waa’ee malummaa interneeta dubaachun duraa waa’ee walqunnamti Kompitaroota dubbachuun barbaachisadha. Sabani isaas yaadni interneeta kan jalqaabu kompitaroonni shiboodhan(haada) malee walqunamu yemmuu danda’anidha. FKN. Kutaa tokko keessatti kompitaronni tokko-lamee jiran haa jennu, kan ittin walqunnaman shiboon ykn immoo shiboo malee walqunnaman jenne haa yaadnu, yeroo baay’ee Cimdaa kompitara(Computer Network) jedhame waamama.

Fakkii 1.1 Walqunnamti Kompiyuutaronni laman shiboodhan.

Barbaachisuma Kompitaroota tokko-lamee Walqunamsisuu.Kompitaraa tokko irraa teenye deetaa Kompitaraa biroo irraa jiruu fudhaachu ykn dabarsuuf yoo ta’uu Meeshalee Kompitara garagara kan akka:

  • Taphachiiftu Baxxee Hurmaaya (CD Player)
  • maxxansa (printer)
  • baxxee jabaa (HDD) fi Modiyemii kkf waliin itti fayyaadamuf nu gargara.

-Gara yaada keenya bu’uura yemmuu deebinu Kompitaroonni lamaanu kutaale walirra fagoo keessa yemmuu kennu tariiti shiboo dheera nu barbaachisa ta’a malee faayidalee duratti erre hundaa ammaas argachuu ni dandeenya. Akkasumas adaduma Kompitaroonni garagaratti walirra fagaacha deemaniin shiboo isaan gidduutti barbaachisu dabala yoo deeme malee faayida nurra hir’atu hin jiru. Ammaa immoo Kompitaroonni lachuu gara gara jiru haa jennu FKN. Kompitarii tokko Ameerikaa inni tokko immoo Itiyoophiyaa jira jenne haa yaadnu. Ammaalee wanti adda baay’ee hin jiru. Shiboo baay’ee dheeraa ta’eetu nu barbaachisa malee, deetaa kompitara tokko irraa jiru kompitara biraa irraa teenye argachuu ni dandeenya.

Yaadni interneeta kan dhufuu yeroo kana, Kompitaroonni lameen kun walqunnamtiin isaan qaban akka aduunyaleessa malee akka biyyoolessa miti. Haala kanaan Kompitaroonni lachuu walqunnamtii Aduunyallessa qabaatan jechuudha. Walqunnamtii kana afaan teknoloojiin yemmuu ibsamu interneetii jedhame beekama. Walqunnamtii kana baal’isnee yemmuu ilaalu international network kan jedhu nuf kenna. Ammaa hiikaa interneetaa karaa salphaa ta’een haa ilaalu. Intarneetiin sirna seera waliigalaa pirootokoolii jedhamu fayyadamuun neetworkii kompiitaraa addunyaa hedduu walqunnamsiisudha. Namoonni akka walqunnaman, odeeffannoo akka qooddataniifi tajaajila adda addaa toora interneetii irratti akka argatan ni taasisa. Intarneetiin Ameerikaa keessatti bara 1970moota keessa kan mul’ate yoo ta’u, bara 1990moota keessa garuu bal’inaan ummata biraan ga’eera. Kompitaroonni kunneen garbaawwan keessatti shiboo dheeraa diriree(fibre optics) ykn kara satalayiitiin walqunnamu danda’u.


Fakkii 1.2 Walqunnamti kompiyutara Adunyaalessa(Interneetii)

Ammaa kompitaroonni baay’een waan walqunnamaniif deetaa ykn Odeeffannoo baay’ee kompitaroota kanneen irraa argachuu ni dandeenya. Akkasumas kompitaroonni keenya gosoota viruusota heeddun hubamu isaa beeku qabna. Kana jechuunis dursaa of eggannoo gochuu nu barbaachisa. Kompitaroonni biliyoonan lakkaawan faayida nuti argachuu dandeenyu, Kompitaroota garagara keessa tti miseensa interneeta kan ta’an irraa odeeffannoowwan akka:-

  • Barreeffamoota dhimmaa adda addaa irraatti barreeffaman, Faakkiiwwan, Muuziqaa, vidiyoo wkf…
  • Mosaajota kompitaraa fi Appilikeeshinii Moobaayilaa
  • Tajaajila Imeeyili, Tamsasoota sagantalee kallatti hordofuuf(TV. Radiyoo)

Biyyaa keenya keessatti yeroodhaf jiraachuu batuus bittaa fi gurguurta interneeta (e-commerce) gochuuf fi kkf argaachu dandeenya.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Ads Blocker Image Powered by Code Help Pro

Ads Blocker Detected!!!

We have detected that you are using extensions to block ads. Please support us by disabling these ads blocker.

Powered By
Best Wordpress Adblock Detecting Plugin | CHP Adblock
error: Content is protected !!
Scroll to Top
Verified by MonsterInsights