Fayyadamaa interneetii

Ergaawwan email nuuf ergamaan Banuu fi Dubbisuu

-Hangaa ammatti namoota birootiif akkamitti goone ergaawwan email erguu akka dandeenyu ilaale jira. Mee ammaa immoo ergaawwan email nuuf ergaman akkamitti banuu fi ergicha dubbisu akka dandeenyu haa ilaalu. Kana gochuufis.

1) Gmail ergaawwan email nuuf dhufan hundaa kan ka’uu hammaattu inbox jedhamu keessatti. ergaawwan nuuf ergaman dubbisuuf jalqabarratti qabduu Inbox kan jedhu irraatticuqaasi. Akkuma faakkii armaan gadii irraatti mul’atutti ergaawwan nuuf ergaman hunduu gara fuula bitaatti tarreeffamanii mul’atu. FKN faakkii armaan gadii ilaali.

2) Itti ansuun ergaa email dubbisu barbaanu irraatti cuqaasi..

Yaadachisa:-‘ergaa email nuuf ergaame yeroo banuutti ergaa jalqaaba gara gubbaa irraatti teesso nama erguu teesso fudhaata (teesso keenya fi kan namoota birootiif cc taasifame kan ergame yoo jiraatanis) guyyaa itti ergame ilaaluu ni dandeenya.

Nama ergaa email nuuf ergeef deebii kennuuf (Reply) cuqaasi. Ergaawwan email nuuf dhufan dubbisuudhaf yeroo banuutti kutaa teesso ergaa fi fudhaata qabaatu keessatti tools adda addaa argaachu dandeenya.

Akkuma faakkii armaan olii irraatti mul’atutti meeshaale kutaale garagara kunneen ergaa nuuf ergamee dubbisne ergaa geessine booda kan ittI fayyadamnu yoo ta’u, kutaale kanneen keessa inni tokko Reply kan jedhamudha. Faayidan isaas nama ergaa sana nuuf ergeef bataluumatti deebii kennuu yoo barbaane kan itti fayyaadamnudha. Hojmanni isaa ergaa email haraawa erguu wajjiin kan walfakkaatu yoo ta’uu garagaruumma isaanii bakka fudhaata irraatti enyuuf akka erginuu teesso barreessun nuu hin barbaachisu. Sababni isaas gmail ergicha kan deebbisnuuf nama nuuf ergeef akka ta’e waan hubaatuf ergaa jalqaaba qofa barreessine erguu dandeenya. kanas gochuuf.

1) ergaa nuuf ergamee dubbifne ergaa xumuree booda Reply kan jedhu irraatti cuqaasi. Yeroo kanatti gmail bakka teesso fudhaata irraatti dursee teesso nama nuuf barreesse fuula haraawa email ergaa nuuf fida.

2) Ammaa fuula nuuf dhufee irraatti bakka ergaa barreessa keessatti ergaa barbaanu barreessine ergaa geessine Send kan jedhu fe’amuun ergaa deebii keenya erguu dandeenya.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Ads Blocker Image Powered by Code Help Pro

Ads Blocker Detected!!!

We have detected that you are using extensions to block ads. Please support us by disabling these ads blocker.

Powered By
100% Free SEO Tools - Tool Kits PRO
error: Content is protected !!
Scroll to Top
Verified by MonsterInsights