Fayyadamaa interneetii

Kompitaraa keenya miseensa interneeta Gochuu

Akkummaa duraatti ibsuuf yaalametti interneetaa jechuun walqunnamtii kompitaroota Aduunya irraa jiranii akka ta’e hubanne jirra. Ammaa immoo datawwan kompitaroota kanneen irraa jiruu argachuuf kompitarii nuti itti fayyaadamnu miseensa interneeta ta’uu qaba. Walqunnamtii kana gochuuf ykn heyyemuuf dhaabattoonni dhuunfaa biyyoota hundaatti argaman ykn Dhaabatoonni mootummaa itti gafatamummaa fudhaatu. Dhaabatoonni kuniin dhiyeessi tajaajila internetaa(Internet service providers-ISP) jedhamun beekamu. Biyyaa keenya keessattis hojii kana olaantumman kan dalaagu ethio telecom fi safaricomdha.

telecommunication mast, radio mast, communication-571354.jpg
Fakkii 1.3 Networkii

Kompitari jalqaaba ethio telecom(server computer) jalqabarratti miseensa interneeta waan ta’eef, kompitarii keenya kaadima teletti argamuu wajjiin yemmuu walqunnamu ykn akka walqunnamu yoo heyyamneef nutis miseensa interneeta ta’uu dandeenya. Kun immoo yeroo baay’ee internet connection jira jenne kan gafannuu saniidha jechuudha.

Ethio telecom kompitaraa keenya kaadima ofii wajjiin walqunnamsisuuf kanaf yemmuu jedhamu nuti miseensa interneeta ta’uu akka dandeenyuf filannoowwan walqunnamtii garagara nuuf qopheesse jira.

Dial-up:- Kallatiin ykn shiboo bilbilaa manatiin fayyadamun Kompitara keenya miseensa interneeta gochuun mala dandeenyu yoo ta’uu filannoo hundaarayuu kaffaltii gad-anaa fi saffisaa xiqqaa kan qabudha.


Fakkii 1.4 Haada bilbila

CDMA:- Kun immoo kompitarii keenya tele wajjiin shiboo malee mala itti walqunnammu yoo ta’uu saffisaan dial-up irraa kan foyya’edha.


Fakkii 1.5 Gosoota modem CMDA

EV-DO:- Filaannoon kun immoo CDMA wajjiin walfakkaata ta’uus faayida technology irraa kan ka’ee CDMA irraa saffisa qaba.


Fakkii 1.6 Suura EVDO

EDSL:- Kun immoo filannoo yeroo dhiyoo kanatti teleen gabaaya irraa kan olchee yoo ta’uu filannoowwan hundaa irraa saffisanis ta’ee kaffaltii guddaa qaba. Yeroo baay’ee dhaabattonni ni filaatu. Garuu tajaajila dhuunfaa(Manaf) oolu ni danda’a.


fakkii 1.7 meeshaa ADSL

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Ads Blocker Image Powered by Code Help Pro

Ads Blocker Detected!!!

We have detected that you are using extensions to block ads. Please support us by disabling these ads blocker.

Powered By
Best Wordpress Adblock Detecting Plugin | CHP Adblock
error: Content is protected !!
Scroll to Top
Verified by MonsterInsights