Fayyadamaa interneetii

Microsoft office outlook 2013

Microsoft outlook kuufama mosaajii Microsoft office isaa tokko yoo ta’uu tajaajila email kennuun alatti sagantaale walgahii qabachuuf, dhageesistu wamichaa( alarm) guutuudhaf, teessowwan garagaraa qabachuufi fi hojiiwwan biiroo k.k.f saffisisuuf mosaajii gahee ol’aana taphatudha. Nuti ammaaf tajaajiloota mosaajichi kennuu keessa hojiiwwan email irraatti xiyyeeffanna.

Mosaajichi kun yeroo garagaratti dhaabata Microsoft ittin kutaale garagara (version) kan baheef yoo ta’uu ( Microsoft office 2003,2007,2010,2013,2016,2019) yeroodhaf nuti kutaa 2013 fayyaadamuun faayidawwan mosaajii kana laaludhaf yaala. Tarii kutaale biroo irraatti garagaruma murtaa’e qabaatus akkaata ta’uumsa bakka malee garagaruma hojii waan hin jireef baay’ees dhipaachuun hin barbaachisu.

Sagantaa/program/ Microsoft office outlook 2013 Banuu

Akkuma sagaanata kompitaraa kammiyyuu mosaajii Microsoft office outlook 2013 banuudhaf kan fayyadamnu mallattoo start ta’a.

1) Itti ansuudhan tarreeffaman nuuf dhufan keessa all apps kan jedhu cuqaasi.

2) Tarreeffama All Apps keessa Microsoft office kan jedhu irraatti cuuqasun tarreeffama Microsoft office keessa nuti ammaaf kan barbaanu Microsoft office outlook 2013 kan jedhu irraatti cuqaasi.

Haaluma kanaan Sagaanta Microsoft outlook baanu ni dandeenya. Akkuma armaan ollitti laaludhaf yaalametti Microsoft outlook 2013 hojiiwwan hedduu kan biroo qabaatus caalmatti tajaajila email waan kennuuf Sagaantichi akkuma banameen teesso email keenya akka galchinuufi nuu gaafata.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Ads Blocker Image Powered by Code Help Pro

Ads Blocker Detected!!!

We have detected that you are using extensions to block ads. Please support us by disabling these ads blocker.

Powered By
100% Free SEO Tools - Tool Kits PRO
error: Content is protected !!
Scroll to Top
Verified by MonsterInsights