Fayyadamaa interneetii

Imeelii (Email)

Email jechi afan ingilliffaa akkuma agarsiisu jechoota lama (electronic mail ) wallitti hidhata ta’ee argamuu yoo ta’uu ergaa xalayaa karaa elektirooniksii malaa ergaa dabarsuu fi fudhaachutti. Imeliin kallaqaa Aduunyan interneetaf uumte keessa isaa tokko fi baay’ee barbaachiso kana males fayyaado ta’an keessa isaa tokkodha. Akkuma barreeffama teesso fudhaata barreessun, mana poostaa deemne ergaawwan akkuma erginuu hunda, interneeta fayyaadamun immoo kompitara keenya irraa teenye nama barbaanu ergaawwan keenya salphumatti geessu ni dandeenya. Ergaawwan wajjiinis suurawwan sagaanta biraatiin hidhaman faayiloota gurguddoo walqabsiisun erguu ni dandeenya. Imeelii dhimmoota filaatama godhan keessa tokko ergaa nama barbadame sanaf qaqabuuf yeroo itti fudhaatudha. Ergaa email tokko barreessine ergaa geessine booda nama aduunya bakka kamuu jiruu hundaaf osoo erginee nama fudhatu biraa qaqabuuf yeroon itti fudhaatu sekondii murtaa’e irraa hin darbu. Kanaan booda kan eegamu namni fudhatu ergaa dubbisuu qofadha.

Marree ergaawwan keenya imeeliidhan erguu yemmuu yaadnu jalqaba irraatti teesso dhuunfa email qabachuu nurra jiraata. Tajaajila kanas argachuuf akka dandeenyuf marsaale garagaraa hojii kanaf qophaa’an ni argamu. Marsalee kunneen jalqaaba tajaajila email haa kanaan malee hojiilee dabalaata ( Oduu tamsaasu, Tajaajila odeeffannoo barbaadu keennufi kkf ) hojjachuu danda’u. Marsalee kanneen akkuma mana poosta goone laalu dandeenya.

Kannen keessa muraasa eeruuf;

=> www.yahoo.com

=> www.gmail.com

=> www.hotmail.com

Marsalee kanneen keessa tokko fayyadamun teesso email dhuunfaa keenya baafachuu fi ergaawwan email kutaa Aduunya kaamiffuu nama jiruuf erguu dandeenya. Kanaafu akkuma armaan ollitti eruuf yaalametti interneetii irraatti ergaa email erguuf yaadu duraa teesso email dhunfaa baafachuu ykn qabachuu nurraa jiraata.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Ads Blocker Image Powered by Code Help Pro

Ads Blocker Detected!!!

We have detected that you are using extensions to block ads. Please support us by disabling these ads blocker.

Powered By
100% Free SEO Tools - Tool Kits PRO
error: Content is protected !!
Scroll to Top
Verified by MonsterInsights