Ergaawwan email nuuf barbaachifnee dhaabbiidhan balleessu
Akkuuma armaan ollitti ilaale ergaawwan email nu barbaachifne akkawuntii gmail keenya keessa yemmuu balleessinu wanti beekuu qabnu yoo jiraate ergaawwan email guutuma guututti hin badan. haaluma kanan dura ilaalen hammaattuu trash keessatti kuufamu. kanaafu guutuma guututti balleessu yoo barbaane gara hammattuu kana dhufuutu nurraa jiraata. Kana gochuufis:-
1) Hammattuu Trash biraatti kan argaamtu mallattoo 🗗 irraatti cuqaasi.

2) Yeroo kanatti gmail ergaawwan hammaattu kana keessa jiran balleessuf akka ta’e waan hubaatuf gaaffii itti aanu nuuf fida. Tarii ergaawwan email guutuma guututti balleessu yoo barbaane ok kan jedhu cuqaasi.

Akkawuntii email keenya yeroo dheeradhaf yemmuu itti ergawwan nuuf ergaman yeroodha gara yerootti baaya’achuu fi barbaane ergachuu rakkisaa ta’a dhufa jira. Rakkoo kana furuuf akkuma armaan oliitti ilaale ergaawwan email nu hin barbaachifne balleessudhan salphisuu karaa isaa tokko yoo ta’uu, karaa inni biroo immoo ergaawwan nuuf ergaman hammattuu garagara(FKN:_ Maatii, hojii , hiriyaaa ) jechuudhan umuudhan as keessatti olkaa’un sirreessa karaa filatamadha. Hojii kana hojjachuuf jalqaba irraatti hammaattu barbaanu uumu nurraa jiraata.

- Akkawuntii gmail gara bitaatiin categories jalatti create new label kan jedhu biraatti mallattoo ida’uu argamtu irraatti cuqaasi.

2) Itti ansuun maqaa hammattuu barreessa isaanii dhufu keessatti maqaa ulaanka umuu barbaanu barreessu. FKN ergaawwan email Barnoota fi Leenjii wajjiin walqabatan olka’uudhaf hammattu yoo barbaadan Barnoota jechuudhan barreessu ni dandeessu. Barreessitanii ergaa xumurtanii booda create kan jedhu irraatti cuqaasi.

Ammaa hammaattun barbaanu nuuf umaame jira jechuudha. Hammattuun nuti umnee hammattuwwan duraa turan tarree dhumatiin ka’amee arganna. Kanatti ansuudhan ergaawwan email barbaanu hammattuu uuumne keessatti akkamitti ka’uu akka dandeenyu haa ilaalu.

- Jalqaba irraatti hammattuu ergichi keessa jiru biraa deemudhan irraatti cuqaasa. FKN hammattu Inbox keessatti ergaawwan argaman gara hammattuu haraawa uumne keesatti ergaa gmail fudhaachuu yoo barbaane, fulduratti kan argamuu mallattoo rog afree irraatti cuqaasi.

2) Itti ansuudhan ergaa email gara oliitti kan argamuu move jechuudhan barreeffame fuuldara teesse kan garagalte mallattoo rog sadee irraatti cuqaasi. Dhumarrattis tarreeffamawwan nuuf keessatti maqaa hammattuu barbaanu irraatti cuqaasa. sana booda qabduu apply cuqaasi. Yeroo kanatti ergaa jalqaaba irraatti filane turre sun gara hammattu barbaanu keessatti kan nuuf ta’aa.

Haaluma kanaan akkuma barbaachisuma isaatiin hammattuun uumudhan ergaawwan email keenya hammaattuwwan uumne keessatti olkaa’udhan ergaawwan email keenya sirreessu ni dandeenya.
