Fayyadamaa interneetii

Twitter

Yeroo ammatti marsaale hawaasumma jiru jedhaman wajjiin fayyaadamtoota madaalawa 1/2 akka qabu kan himaamuf marsariiti Twitter dha. Marsariitin kun fayyadamtoota horaachun yaadota dhuunfaa, argannoo haarawa, oduuwwaan, oduu bashanana fi dhimmoota biroos hima gabaaba ( jechoota 140 hin caalen) namoota birootiif marsariiti ittiin dabarsaniidha. Haa ta'uu garuu fayyaadamtoonni marsariiti kana irraa caalaan isaanii namoota beekamo fi dhabatoota beekamo yoo ta'aniis nutis akka fayyaadama dhuunfatatti miseensa marsariiti kana ta'uun odeeffannoowwan garagara ittin dabarsuu ykn irraa argachuu dandeenya.

Miseensa Marsariiti Twitter Ta’uu

Faayida marsariiti Twitter guutu argachuu yoo yaadne akkuma baratame miseensa marsariiticha ta’uu nurraa jiraata.

  1. Kompitaraa keessan irraa mosaajii fayyaadama interneetii tokko banuun bakka teesso barreessa irraatti www.twitter.com jechuun barreessi. Itti ansuun Gabatee cuqoo keessan irraa enter dhiibi.

2. Qabduu Create Account jedhu cuqaasi.

3) Itti ansuun Twitter gara galmee guutuu nuu fudhaata. Qabduu Next Cuqaasi.

Fuula kana irraatti kan guutne fi odeeffannoowwan sirri ta’an (mallattoo magariisa qaban) sanduuqota sirreeffamu qaba keessatti odeeffannoo keenya galchuu. Odeeffannoo sirri galchine yoo geessine Authenticate kan jedhu irraatti cuqaasi.

3) Ammaa Twitter account keenya nuuf uume jira. Kanas mirkanneessuf fuula itti anuu nuf fida. Submit fi Ok kan jedhu fe’amne biraa darbuu ni dandeenya.

4) kanaafu kayyoon Jalqaaba marsariiti Twitter hordoftoota horachuun ykn nuti namoota biroo hordofuudhan odeeffannoowwan waljijjiru waan ta’eef Twitter osoo hordofnee gaariidha jedhe kan yaadu namoota beekamo fi kabajamoo ta’an filannoof nuuf fida. Hordoofudhaf kan barbaanu yoo xiqqaate namoota dhaabata 5(shan) filaachuun fuuldurratti kan argamu follow kan jedhu irraatti cuqaasi.

Hubachiisa

Namoota kanneen hordoofu keessaniin (follow gochuu keessaniif) kanaan booda odeeffannoowwan guutu namoota ykn dhaabatoota kanaan dhufan fuula Twitter dhuunfa keessanni irraa ta’uun hordoofuu ni dandeessu jechuudha.

Yaadachisa:- Namoota kanneen hordoofu keessaniin (follow gochuu keessaniif) kanaan booda odeeffannoowwan guutu namoota/ dhaabatoota kanaan dhufan fuula Twitter dhuunfa keessanni irraa ta’uun hordoofuu dandeessu jechuudha.

5) Dabalatanis namoota teesso email keessan keessa jiran hordofu yoo barbaadan carraa isiinif kenna. Search contacts kan jedhu fe’amun fuula isiinif dhufu irraatti teesso email keessani barreessuun namoota birootiif dhaabatoota akkawuntii e-mail keessan keessa galchuun ni dandeesu. Ammaaf skip kan jedhu cuqaasi.

6) Fuula itti aanse dhufu irraatti suura keessanii galchuu dandeessu. Kanas gochuuf Upload it now kan jedhu fe’amun kompitaraa keessan keessa bakki suuran keessan jiruu eeruun akkawuntii Twitter keessan irraatti suura galchuu ni dandeessu. Yeroodhaf yoo suura hin qabne garuu skip for Now kan jedhu irraatti cuqaasun hojii galmee ergaa xumuree booda akkaam gone suura fi odeeffannoowwan biroo sirreessu akka dandeenyu waliin ilaala.

7) Hojiiwwan armaan ollitti jiran hundaa guutuma guututti yoo xumurtan hojii galmee Twitter dhumaa irraa geenye jirra jechuudha. Kunis teesso e-mail jalqabarratti yemmuu galmooftan galchitan keessan ta’uu mirkaneessudha.

8) Kanas gochuuf fuula kana dhisuun kallattidhaan marsariiti teesso email irraa baafata biraa deemun kan ergamefi hammattu Inbox keessatti ergaawwan jiran keessa confirm your Twitter mata sure jedhun ergaa dhufe banuun confirm your account now kan jedhu irraatti cuqaasi.

- Ammaa galmeewwan twitter xumuree jirra.  sagantawan banaman cufu. Itti ansuun gara akkawuntii Twitter keenya keessa seenun hojiiwwan Twitter akkamitti akka hojjatamu ilaala.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Ads Blocker Image Powered by Code Help Pro

Ads Blocker Detected!!!

We have detected that you are using extensions to block ads. Please support us by disabling these ads blocker.

Powered By
Best Wordpress Adblock Detecting Plugin | CHP Adblock
error: Content is protected !!
Scroll to Top
Verified by MonsterInsights