Fayyadamaa interneetii

Cc-carbon copy fi Bcc-Blind cc

Akkuma armaan ollitti ilaaluf yaalametti ergaa email salphaa erguuf yoo xiqqaate teesso imeeliinama erginufi , mata duree imeelii erginu fi bakka jalqaba ergaa imeeliif qophaa’e irraatti barreessu nurraa jiraata. Kanaan alaattis CC (garagalcha) ykn BCC (garagalcha dhoksaa) fayyadamun ergaa email erginuu nama tokko fi oliif erguu dandeenya.

CC- (garagalcha) :- bakki kun ergaan imeelii nama jalqaabarratti ergamufi dabalaate namoota ergichi akka isaa gahuu barbaadnu bakka teesso isaanii irraatti barreessudhan, kana males teesso tokko ol qoduudhan (,) barreessu dandeenya.

Kana irraatti dhimmi hubachu qabdan yoo jiraate bakka kana irraatti teessowwan barreeffaman hunduu ergaa imeeliicha namoota ilaalatuf yeroo gaheetti namootni hunduu ergichi enyuuf akka ergame ilaalu ni danda’u. Kana jechuunis teesso namoota ergicha fudhaatan hundaaf ifaa ta’a jechuudha.

BCC (garagalcha dhoksaa ):- Bakki kun cc wajjiin gochaanis ta’ee hojmataan walfakkaata yoo ta’u garagaruuma isa bakka kana irraatti teesso imeelii barreeffamee inni tokko isaa kaniif hin mul’atu. Fudhattoonni BCC kooppii sirrii email sanaas ni argatu. Haa ta’u malee, deebii dabalataa keessatti hin argan, namoonni biroo email kana fudhatan eenyu akka BCC ta’e hin argan. BCCn baay’inaan email fi ergaa jumlaa namoota email subscribers ta’aniif erguuf kan gargaarudha. Teessoo imeelii isaanii fudhattoota biroo isaan hin beekne irraa dhoksuudhaan iccitii fudhattootaa ni eega.

walumagalatti kanaan booda isiin ergaa email nama tokko oliif erguu yoo barbaadan kan tokkoffaa (jalqaba teesso email fudhaata) sanduuqa To jedhuu keessatti ergaa barreessitanii booda teesso fudhaatoota hafanii akkuma fedhii keessanii ykn akkuma barbaachisuma isaatti bakka cc ykn bcc irraatti qoduudhan (,) qoodun barreessun erguu dandeessu. Dhumarrattis send kan jedhu yoo cuqaasun ergaan emailicha namoota hundaafu teesso barreessa irraatti baarra’e namoota hundaaf ergamaa jechuudha.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Ads Blocker Image Powered by Code Help Pro

Ads Blocker Detected!!!

We have detected that you are using extensions to block ads. Please support us by disabling these ads blocker.

Powered By
100% Free SEO Tools - Tool Kits PRO
error: Content is protected !!
Scroll to Top
Verified by MonsterInsights