Ergaawwan email akka hin barbachifneetti galmeessu (Spam)
Darbee darbee ergaawwan nuti hin barbaane fedhii keenya alaatti haammattu inbox keessa seenu danda’u. Ergaawwan email akkaana yeroo baay’ee beeksisawaan, ergaawan hin barbaachifnee ykn virusoota kompitaraa ta’uu danda’u. Kanafuu bannee ergaa ilaale booda barbaachiso yoo hin taane fi kanaan booda yeroo dhufuu hammaattu inbox keessatti osoo hin tanee hammaattu spam keessatti akka galan gochuu yoo barbaanne tarkanfii itti anee jiru kana hordofuu dandeenya.

- Ergaa banee erga ilaale booda qabduu spam jedhu irraatti cuqaasun sana booda filannoowan dhufan keessa report spam irraatti cuqaasaa. Yeroo kanatti gmail ergichii barbaachisa akka hin taane waan hubatuuf kanaan booda ergaawwan teesso kanaan ergaaman kallattidhaan gara hammattuu spam keessatti akka nuuf galchuu nuu beeksisa.

Hubachiisa
Faayila Miltoo (Attachment) walqabaatanii dhufaan gara kompitaraa keenya irraatti naqaachuu
– Ergaawwan e-mail keenya waajjin faayiloota garagaraa walqabsiifne erguun akkuma dandeenyu namoonni biroo faayilota walqabsiisani nuuf ergan gara kompitaraa keenyatti naqaachuu ni dandeenya. Kana gochuufis
1) ergaawwan nuuf ergamaan gidduu faayila dabalata walqabsifame nuuf ergaame irraatti cuuqasaa.

Hubachiisa
- Itti ansuun ergaa imeelii irraatti cuqaasi.
- Yeroo kanatti gmail faayila ergicha walqabsifame nuuf ergamee gara kompitaraa keenya naqaachu akka barbaanu waan hubatuuf kana gochuuf akka dandeenyuf barreeffamoota nuuf kennuu keessa download file irraatti cuqaasi.

4) Ammaa sadarkaa dhuma irraa geenye jirra. Saduuqni dhumarratti nuuf dhufuu kun faayilicha kompitaraa keenya irraatti nuuf waraabuf beeksisudha. Faayila walqabsifaame dhufee ammaa gara kompitaara keenyatti warabamuu jalqaba. Yeroo inni fudhaatus akkaata guddina faayilichatiin murteeffama.
