Akkawuntii Gmail keessa baa’u (Logout)
Kanaafuu hojiiwwan armaan oliitti ilaale yeroo tokko ykn yeroo garagaratti hojjachuun dandeenya. Jalqaaba gara akkawuntii gmail keenya keessatti yemmuu seennu saaqii seeni (sign in) jenne akkuma seennu, hojii keenya yemmuu yennaa xumuree immoo akkawuntii keenya cuufne baa’u nurraa jiraata. Kana gochuufis 
- Suuraa Akkawuntii keessanii kan golee mirgaa gubbaa jiru cuqaasaa.

Itti ansuun qabduu Sign out cuqaasaa. Yeroo kanatti google akkawuntii keenya keessa guutuma guututti nu baasa. Akkawuntiin keenya hidhaame jira jechuudha. Kana mirkanneessudhaaf google fuula jalqaaba nuuf fida. Gara akkawuntii keessanii keessa seenu yoo barbaadan barnoota keenya kanan dura darbe hordofuu ni dandeessu.
