Skype’n walqunnamtii sagalee fi suura gochuu
Haaluma walfakkaatan hiriyoota Skype keenya wajjiin walqunnamtii sagalee fi suuraa (video) salphumatti taasisu ni dandeenya. Kanas gochuufis

1) Hiriyoota Skype keenya keessa online kan ta'ee fi maqaa nama sagaleen ykn suura dubbisuu barbaanu irraatti cuqaasi.

2) Itti ansuun fuula nuuf dhufu irraatti sagalee qofa yoo barbaane call kan jedhufi walqunnamtii suura yoo barbaane immoo video call kan jedhu cuqaasi.

3) Ammaa akkuma bilbilaa waamicha kammiyyuu Skype’n waamicha sagalee/sursagalee taasisa jirra. Hiriyaa keenya waamicha keenya yoo nuuf deebise walqunnamtii keenya ni Jalqaaba. .
Yaadachiisa
walqunnamtii sagalee Skype gochuuf earphone fi microphone kompitaraa keenya irraatti suuphamu qaba. Dabalaatanis walqunnamtii video gochuuf earphone alaatti kompitaraa keenya irraatti kameeran jiraachu qaba.
