Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
namatti bawuu go.
GAO

1. utuu deemanii fuulaan nama arguu; Utuun baadiyyaa keessa deemuu naman beeku tokkotti baye. 2. bif...

namatti haqachuu go.
GAO

waan ofii balleessan nama biraa tokko irra kaa'uu; Innillee ofii balleessee namatti haqachuu isaati.

nameenya
GAO

"namummaa" ilaalaa.

namichoo ma.dha.
GAO

nama nama bira jiru kan ittiin waaman; Namichoo! maal barbaaddaa?

namii namii ma.
GAO

namrii tokko okko; Kaan yaa'ee namii namii mana isaatti hafe.

namoomsaa ad.
GAO

1 . kan akka namni namoomu nama godhu, Yookiin gargaaru. 2 . maqaa namaa.

namoomsuu go.
GAO

akka namoomu gochuu, yookiin gargaaruu; Isatu na barsiisee na namoomse.

namoomuu go.
GAO

dadhabina dur nama irraa ul'atu ofi irraa balleessuu, yookiin keessaa bawuu, seera namaa guutuu; Mid...

namummaa ma.
GAO

1 . waan nama nama Jechis1isu, kan akka yaaduu, aubbachuu,w. .k.f. danda'uu; namummaan namaa kan ulf...

namuu go.
GAO

waanti ta'e tokko uumaatti guutamuu,dabalamuu; Bishaan barmeelitti nam'ee hidhaa,qalqal'ootti nam'e.

naqaashii
GAO

"raga 2"  ilaalaa.

naqachuu go.
GAO

1. qodaa ofiitti garagalfachuu; Qodaa keessaa bishaan naqachuu. 2. qopheeffachuu; Farsoo naqachuu. 3...

naqamte 1 ma.
GAO

wal duraa duubaan teesse; Dubartiin walgayiidhaaf bakkee irra naqamte.

Naqamte 2 ma.
GAO

magaalaa guddoo biyya Wallaggaa; Naaqmtee Kumsaa morii, na qabde gumjaan horii.

naqamuu go.
GAO

1. qodaatti garagalfamuu; Bishaan saafiyaatti naqamu malee uffanni hinmiicamu. 2. farsoon qopheeffam...

naqarsaa ma.
GAO

dhukkuba argaan takkaa hinfayyine, kan booda keessa lubbuu galaafatu.

naquu go.
GAO

1. waan tokko waan biraatti garagalchuu; Bishaan lafatti naquu, midhaan keshaatti naquu; Biyyoo ijat...

narsii ma.
GAO

hakiimii doktora bira goree yookiin gortee kah mana fayyaa eegumsaatti dhukkubataa wla'aanu yookiin ...

nasiiba ma.
GAO

dubbii akkuma namatti dhufeen dubbatamu; Utuu hinbeekin nasiibaan dubbachuun bayii miti.

nawurii
GAO

"qaanii" ilaalaa.

Sponsors