Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
14,033 Jechoota
gadi galaa
GAO

"gadi galii" ilaalaa.

gadi guddachuu go.
GAO

guddina dhabuu, yarachaa deemuu, dhawaata hirdhachuu.

gadi guuruu go.
GAO

1. mi'a baay'ee gara ol aanuu gara gadi aanutti fiduu. 2. baay'isanii dhiyeessuu.

gadi ha'uu go.
GAO

1. keessaa gara alaatti darbuu yookiin darbachuu. 2.gubbaadhaa gara gadi aanutti darbuu yookiin darb...

gadi jechuu go.
GAO

1. mataa gadi qabachuu, dhundhuluu 2. waan namatti dhufu hunda danda'uu, obsuu; Isa wajjin. jiraachu...

gadi lakkisa ma.
GAO

waan qabanii turan qabuu dhiisa yookiin kan hidhame hidhaa irraa gadi dhiisa.

gadi lakkisuu go.
GAO

waan qabanii turan qabuu dhiisuu yookiin kan hidhame hidhaa irraa gadi dhiisuu.

gadi naquu
GAO

"dhangalaasuu" ilaalaa.

gadi qaba 1 ma.
GAO

1. akka ol hinjenne yookiin hinkaane gocha, gadi jechisiisa. 2. karaa gadi aanuun akka deemu gocha; ...

gadi qaba 2 ma.
GAO

akka hin'ukanne yookiin hinjabaanne gocha, cunqursa; Gadi qabaniiti isa bulchan.

gadi qabaa ma.
GAO

1. akka hinbeekamne gocha, dhoksaa. 2. "gadi qaba 2" ilaalaa.

gadi qabamuu 1 go.
GAO

1. akka ol hinjenne yookiin hinkaane dhowwamuu, gadi jechisiifamuu. 2. karaa gadi 'aanuun akka deemu...

gadi qabamuu 2 go.
GAO

akka hinjabaanne yookiin hinukanne godhamuu, cunqurfamuu.

gadi qabuu 1 go.
GAO

1. akka ol hinjenne yookiin hinkaane gochuu. 2. karaa gadi aanuun akka deemu gochuu.

gadi qabuu 2 go.
GAO

1. akka hinjabaanne yookiin hinukanne gochuu, cunqursuu. 2.sagalee xiqqeessanii, asaasanii dubbachuu...

gadi qotuu go.
GAO

1. booldha qopheessuu. 2.waan ta'e qorachuu guddisuu.

gadi taa'uu go.
GAO

1. luka kottoonfatanii yookiin diriirfatanii taa'aa laraan yookiin waan teessumaa ta'u irraan ga'ani...

gadi xeenuu go.
GAO

dubbii hinmi'oofne dubbachuu, dubbii nama hingammachiisne yookiin yaraa ta'e haasa'uu, munaaguu.

gadi yaasuu go.
GAO

1.waan ta'e lafatti gadi naquu,dhangalaasuu. 2. mooraadhaa yookiin gooruudhaa horii baasuu, bobbaasu...

gadii ad.
GAO

kan gadi deemu, kan hinguddanne, kan waa keessa hinoolle, gadi galoo.

Sponsors