Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
14,033 Jechoota
qoroo ma.
GAO

seera bulchiinsa darbe (bara Minilikiifi HaylaSillaasee) keessatti maqaa nama naannoo isaa bulchuu, ...

qoroqondaa ma.
GAO

mataa bisingaa yookiin muka boqqolloo kan gumaan (ijji) irraa kaachifame (falfalame).

qorqa ma.
GAO

1. nyaata ilkaaniin kutanii yookiin irraa quncisanii nyaatan. 2.irraa fixiisa, deegsa.

qorqachuu go.
GAO

1. ilkaaniin kutachuu, ciffachuu. 2.irraa fixachuu.

qorqamuu go.
GAO

1.irraa quncifamuu. 2. hara malee huqqachuu. 3. gatii baay'ee baasanii qabeenya  fixachuu; Qabata i...

qorqoda ma.
GAO

gaafffiidhaan nama nuffisiisa.

qorqoddaa
GAO

"qoroqondaa" ilaalaa.

qorqoduu go.
GAO

gaaffiidhaan, dubbiidhaan nama nuffisiisuu; Nama balleessaa qabu qorqodanii dubbii harkaa funaanu.

qorqoorroo ma.
GAO

1.sibiila haphii baaxii manaa ittiin uwwisan. 2. mi'a akka wullee, kan ittiin waraabbatan yookiin wa...

qorqora ma.
GAO

1.quba harkaatiin qaama (dhaqna) namaa (keessumattuu bobaa) tuttuqa. 2. gaaffii guddisa.

Qorqoramuu go.
GAO

1. quba harkaatiin tuttuqamuu. 2. gaaffiin namatti baay'achuu.

qorqorroo
GAO

"qorqoorroo" ilaalaa.

qorqorsiisuu go.
GAO

akka qorqoru gochuu.

qorqoruu go.
GAO

1. quba harkaatiin (yeroo baay'ee) bobaa namaa tuttuquu. 2. gaaffii namatti guddisuu, ammaa amma gaa...

qorquu go.
GAO

1.ilkaaniin solloqsanii nyaachuu; Jaarsi boqqolloo qorquu hindanda'u. 2. irraa fixuu, deegsuu; Barri...

qorra ma.
GAO

qilleensa  qabbanaa'aa, kan margaafi muka gubuu danda'u, diilalla, o'a kan hinqabne.

qorree ma.
GAO

hambaa sijaaraa; Ijoolleen qorree akka hinxuuxne gorsuu barbaachisa.

qorrisiisuu go.
GAO

akka qorru gochuu.

qorroba ma.
GAO

1. qurbaana fudhacha. 2.  sirriitti qabiisa.

Qorrobsiisuu go.
GAO

1. qurbaana fudhachiisuu. 2. sirriitti qabachiisuu.

Sponsors