Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
14,033 Jechoota
qallisiisuu go.
GAO

akka qallisu gochuu.

qallisuu
GAO

"qal'isuu" ilaalaa.

qalloo
GAO

"qal'oo" ilaalaa.

qalma ma.
GAO

1. horii qaluu; Qalma malee cidha baase. 2. kenna horii qalanii kennatan.

qalqala ma.
GAO

mi'a manaa kan gogaa re'ee irraa qophaa'u. 2. nama nyaata jaallatu, gara balleessa; Qalqali kun hamm...

qalqalloo
GAO

"qalqala" ilaalaa.

qalsiisuu go.
GAO

akka qalu gochuu.

qaluu go.
GAO

1. morma muranii yookiin buusanii nyaataaf qopheessuu. 2.gogaa irraa kaasuu; Nama hoolaa nuu qalu dh...

qam gochuu go.
GAO

1. afaaniin qolatanii liqimsuu. 2. otoo lafa hinbu'in waa qolachuu. waan tokko otoo hin beekin qabuu...

qamaaca'u go.
GAO

qorraan yookiin xuriidhaan saakarraa'uu, qaamni uriidhaan nama ciccituu, dhodhowuu.

qamaacaa ma.
GAO

xuri yeroo dheraadhaaf dhaqna namaa irra turee (keessumattuu miilla) nama babbaqaqsu; Qamaacaa kee k...

qamaacessuu go.
GAO

akka qamaaca'u gochuu.

qamadii ma.
GAO

gosa garbuu kan daabboo adda addaa irraa qopheeffatan.

qamalee ma.
GAO

1. bineensa daggalaa kan bifti jaldeessa fakkaatu. 2. nama ija jabaatu, haxxee yookiin abshaala.

qamaqqama 1 ma.
GAO

muranii gabaabsa yookiin wal qixxeessa.

qamaqqama 2 ma.
GAO

dhugaatii nama macheessu baay'isanii dhugiisa.

qamaqqamachuu go.
GAO

rifeensa mataa muranii wal qixxeeffachuu, abaabfachuu.

qamaqqamsiisuu go.
GAO

akka qamaqqama gochuu.

qamaqqamuu 1. go.
GAO

muranii wal qixxeessuu; Damee gaatti,raa .qamaqqameetu bareeche.

qamaqqamuu 2 go.
GAO

dhugaatii irra oolanii dhuguu; Dhugatii qamaqqamaa oolee halkan walakkaa gale.

Sponsors