Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
14,033 Jechoota
gabatee
GAO

"gabataa" ilaalaa.

gabatee boolee ma.
GAO

muka horiin waan ta'e keessaa nyaatu , gongaa.

gabatee lolla'uu go.
GAO

nyaatanii fixuu, muxux gochuu.

gabbaasa ma.
GAO

1. waan waa keessa jiru gadi baasa. 2. horii mooraadhaa yaasa, bobbaasa.

gabbaasuu go.
GAO

1. waan waa keessa jiru gadi baasuu. 2. horii mooraadhaa yaasuu, bobbaasuu; "Afur facaatanne, afur g...

gabbachuu 1 go.
GAO

jireenyi itti tolee furdachuu yookiin coomuu; Amma fedhellee dheedu bakki bultii itti tolu malee hor...

gabbachuu2 go.
GAO

gubachuu(oodachuuf), manni gubachuu (jecha afuuf yookiin oodaaf oolu).

gabbara ma.
GAO

1. waan gargaarsa irraa argatan kan akka lafaa, manaa yookiin hojiitif oggaa oggaan yookiin ji'a ji'...

gabbarachuu go.
GAO

1. ofiif jedhanii gabbara kennuu. 2. "shilachuu" ilaalaa.

gabbaramuu go.
GAO

gabbarri kennamuu yookiin gabbara argachuu yookiin fudhachuu.

gabbarsiisuu go.
GAO

akka gabbaru gochuu.

gabbaruu go.
GAO

1. gabbara kennuu,gabbara baasuu. 2. "sossobuu" ilaalaa.

gabbasiisuu go.
GAO

akka gabbatu(gabbattu) gochuu.

gabbata 1 ma.
GAO

furdina argacha, furdacha.

gabbata 2 ma.
GAO

jecha gubata jechuu 'oodatanii dhimma itti ba'an, gubata.

gabbataa 1 ad.
GAO

gubataa(oodachuuf).

gabbataa 2 ad.
GAO

kan furdate yookiin coome.

gabbattuu ad.
GAO

kan furdatte yookiin coomte.

gabbifachuu go.
GAO

akka namaa coomu godhachuu, furdifachuu; Gabbataa gatii dandeenyee hinbitannuu, huqqataa bitannee ga...

gabbiinaa ma.
GAO

fuundura Konkolaataa,iddoo konkolaachisaan taa'uufi cinaa isaa.

Sponsors