Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
226 Jechoota
xannacha ma.
GAO

gudunfaa yookiin quraanqurxii foon keessaa.

xannee ma.
GAO

beela hamaa, Kan balaa adda addaa irraan nama gawuf danda'u; Abalu midhaan dhabee xanneedhaan du'e.

xanneen dhawuu go.
GAO

nyaata dhabiisa irraan kan garaan nama ululuu, dhooquu.

xanneen qabuu go.
GAO

beela hamaa beela'uu.

xar gochuu go.
GAO

sagalee dhuufuu gadii dhiisuu. 2. "tarsaasuu" ilaalaa.

xaranga'aa ad.
GAO

nama quufaa ija hinfuune.

xarangaatuu ad.
GAO

dubartii quuftuu ija hinfuune.

xarangalloo ad.
GAO

dubartii furdoo, kan humaa hinsodaanne, humna qabeettii.

xarapheezaa ma.
GAO

mi'a manaa ykn biiroo kan miila afurii isa yeroo baay'ee muka irraa qophaawu, kan irratti waa hojjet...

xaroo ma.
GAO

waan nama waraanu, qoraattii. 2. gombisaa xinnoo mana keessatti midhaan itti naqatan.

xarriftuu ad.
GAO

tan mormaan sirbitu. 2. tan xar gootu.

xarrisa ma.
GAO

sirba odoo lukaan lafa hindhiitin morma qofaan sirban, gelloo.

Xarrisiisuu go.
GAO

akka xarrisu gochuu.

xarrisuu go.
GAO

urgufamuu,hollachuu. 2. odoo lukaan lafa hindhiitin mormaan sirbuu. 3. sagalee dhuufuu dhageessisuu.

xaxa'uu go.
GAO

1.sagaleen tokko (yeroo baay'ee kan nama naasisu) akka tasatti bayee namatti dhagahamuu; Mukukkulli ...

xaxaa ad.
GAO

waan akka laayyootti hinhiikamne, kan wal keessa fuudhame, xaxame yookiin kan akka iji isaa hinargam...

xaxachuu go.
GAO

akka hinhiikamnetti wal keessa fuudhanii gudunfachuu.

xaxamaa ad.
GAO

1. kan wal keessa fuudhamee akka hinhinkamnetti hidhame. 2.kan rakkoon irra gaye. 3.kan yaada isaa i...

xaxamuu go.
GAO

1. asiifi achi wal keessa fuudhamee hidhamuu, wal qabatee garri isaa wallaalamuu; Kirriin xaxame daf...

xaxchiisuu go.
GAO

akka xaxu gochuu.

Sponsors