Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
1,105 Jechoota
harkaa dhabuu go.
GAO

1. harka duwwaa ta'uu, of harkaa waa dhabuu 2. hiyyeessa ta'uu, qabeenya dhabuu; "Harkaa dhabni inta...

harkaa nyaachuu go.
GAO

qabeenya irraa fixuu, harkaa fixuu.

harkaan deemuu go.
GAO

1 . luka waaqatti baaqatanii harkaan warraaquu 2. qabeenya ormaa dhoksaan fudhachuu, hatuu. 3.matta'...

harkatti qabuu go.
GAO

1.akka hinfudhanne gochuu, dhowwuu. 2. namaan mormuu; Inni dubbii nama harkatti qabuu jaallata.

harki deemuu
GAO

"harkaan deemuu" ilaalaa.

harkiftuu 1 ad.
GAO

tan humnaan waan ta'e gara ofiitti buttu,dhiyeessitu.

harkiftuu 2 ma.
GAO

teeba yookiin teepha gindiifi qanbara walitti hidhu.

harkisa ma.
GAO

irraa, jalaa, garanaa, garasii gara ofiitti buta.

harkisaa ma.
GAO

1. teeba garaa fardaa Jala naanna'ee kooraa dugda fardaa irratti hidhu. 2. teeba maanaqoo yookiin lo...

harkistuu
GAO

"harkiftuu 1,2" ilaalaa.

harkisuu go.
GAO

lafa irra gotoota.

harkuu ad.
GAO

sa'a waatiin Jalaa duutee tolee jala kaa'an  elmatan.

harma guusa ma.
GAO

daa'imti harma hodhuu akka dhiiftu gocha.

harma guusaa ma.
GAO

biqiltuu hadhooftu kan ittiin daa'ima harma guusan.

harma guusuu go.
GAO

1.hodhuu dhowwuu. 2. harma ijoolleen akka hinhoone harma guusaa dibuu.

harma hodhaa ma.
GAO

firooma halagaa kan harma hodhuun uumamu.

harma hodhuu go. 1.
GAO

aannan harma keessaa afaaniin xuuxuu. 2. nama jabaa firoomfachuuf akka harmaatti fudhatanii quba isa...

harma ma.
GAO

qaama namaa kan aannan keessaa bawu; Harmi dhiiraa aannan hinbawu.

harmalaa ad.
GAO

niitii dhirsaa hinqabne.

haroo ma.
GAO

1.bishaan walitti kuufamee. 2. bishaan dhugaatiif lafa qotanii ol burqu.

Sponsors