Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
taba
GAO

"tapha" ilaalaa.

tabaaluu go.
GAO

jecha gabaabduu mi'ooftu dubbachuu; Dubbii isaa keessatti sitti tabaalu malee hindhiisu.

tabaroo ma.
GAO

waan raaw'achuun isaa seeraan nama irraa barbaadamu; Gibira mootummaa galchuun tabaroo hojiin bu'aa ...

tabba ma.
GAO

lafa yammuu gajjallaadhaa ilaalan asii ol gara irraatti mul'atu, irraan olee; Tabba Yemmuu ba'an haf...

tabtuu ad.
GAO

1. qonjoftuu, roora'aa. 2. kan homaa hinbeekne, garraamii; Nama tabuu wajjin  maqoo (iccitii) hinha...

taf jechuu go.
GAO

ariitiidhaan bakka taa'anii tasa ka'uu,

tafa ma.
GAO

nafa jilbaa olii dirraa gadii kan naannoo gudeedaafi luqqeettuutti argamu; Shugguxiidhaan tafa rukut...

taffaguu
GAO

"fattaguu"  ilaalaa.

tafkii muujalee ma.
GAO

tafkii miillaafi harka namaa seentee gogaa namaa keessatti cinii bortu, muuyalee (muujalee).

tafkli ma.
GAO

nyaattuu shifii biyyee keessatti wal hortu, kan yammuu qubaan qabuuf tan namajalaa utaaltu, kan dhii...

takaalamuu go.
GAO

1. harkaafi mormi, harkaafi miilli yookiin mormaafi miilli wadaroon yookiin teephan walitti hidhamuu...

takaallaa ma.
GAO

wadaroo yookiin teepha horiin ittiin takaalamu; "Gaangeen takaallaa kutte jennaan ofittuu gabaabsite...

takaallachuu go.
GAO

harkaafi miilla, harkaafi morma yookiin miillaafi morma walitti hidhachuu.

takaalsisuu go.
GAO

akka takaalamu gochuu.

takaaluu go.
GAO

1. harkaafi miilla, harkaafi morma yookiin miillaafi morma horii walitti hidhuu. 2. akka bakka garaa...

takka 2 da.go.
GAO

bara durii; Takkallee cooma murra, akka hardhaa yoo barri hinbadin

takka takka da. go.
GAO

darbee darbee, gidduu gidduun; Takka takka harreetu loon dura gala.

takkaa da. go.
GAO

yeroo tokkollee; Tolaan takkaa sobee hinbeeku.

takkal ad.
GAO

jalqaba lakkoofsaa kan lamaan dura dhufu, tokko.

talaccee ad.
GAO

daa'ima dhiwoo dhalatte; Mucaa talaccee harma hootun manatti dhiisee dhute.

Sponsors