Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
14,033 Jechoota
xilsiisuu go.
GAO

akka xilu yookiin qaru gochuu.

xiluu go.
GAO

muka yookiin waan akkasii qara itti baasuu, qaruu.

ximbiriiruu go.
GAO

utuu wal irraa hinkutin ariitiidhaan fiiguu. 2. quufanii burraaquu.

ximqata ma.
GAO

ayyaana kiristaanonni Ortodoksii akka Habashaatti Amajjii gaafa bultii kudha tokkoffaa kabajan.

xindii ad.
GAO

waan lama kan akka walii, fakkeenyaaf kophee xindii, qotiyyoo xindii, cimdii.

xinnaa
GAO

"xiqqoo" ilaalaa.

xinnaachuu
GAO

"xiqqaachuu" ilaalaa.

xinneeffamuu
GAO

"xiqqeeffamuu" ilaalaa.

xinneenya
GAO

"xiqqeenya" ilaalaa.

xinneessuu
GAO

"xiqqeessuu" ilaalaa.

xinniqee ma.
GAO

bishaan qilee yookiin hallayyaa irraa gadi yaa'u, fincaa'aa.

xinnoo
GAO

"xiqqoo"  ilaalaa.

xinnummaa
GAO

"xiqqeenya" ilaalaa.

xinqissaa ma.
GAO

gosa mishingaa kan agadaa isaa qofa nyaachuuf facaasan, qinxissaa, guumaa.

xinxa'uu go.
GAO

midhaan huuba qabu meeshaa diriiraa irratti naqanii huuba keessaa baasuu, saqacca'uu.

xinxaana ma.
GAO

raammoo muka nyaatu.

Xinxaana'uu go.
GAO

raamrnoodhaan nyadtamuu.

xiqirtii
GAO

"ciqirtii" ilaalaa.

xiqqaa
GAO

"xiqqoo" ilaalaa.

xiqqaachuu go.
GAO

1. baay'ina yookiin guddina dhabuu, xinnaachuu, maddachuu. 2. kabaja yookiin ulfina dhabuu; Waan gad...

Sponsors