Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
14,033 Jechoota
uflaalii ma.
GAO

meeshaa keessatti of argan yookiin ittiin of laalan, oflaalii, daawiitiin.

ugaamamuu
GAO

"luugamamuu" ilaalaa.

uggum din.
GAO

jecha yoo safeeffatan yookiin dinqisiifatan dhagessisan, Uggum yaa hojii Waaqaa!

Uggum jechuu go.
GAO

waan ta'e arganii yookiin dhagahanii dinqisiifachuu.

uggumuu go.
GAO

ulfina waan biraatiif qaban agarsiisuuf mataa gadi qabanii ol jechuu.

ujuba ma.
GAO

1. muka guddaa itti irreenfatan, abdaarii. 2. bakka itti nama awwaalan.

ujummoo ma.
GAO

meeshaa qal'a keessi holqa qabu kan shambaqqoo yookiin leemmana irraa qophaa'ee gaayyaa ittiin xuuxa...

uka 1 ma.
GAO

nama rakkate yookiin dadhabe gargaarsa.

uka 2 ma.
GAO

foolii wanti judha qabu ukkaamamuu irraa kan kae uumamu; Xaafiin kun uka godhate.

ukaa ma.
GAO

qufaa gogaa yookiin qakkee; Oolee  bulee dhibeen qorraa ukaa namatti ta'a.

ukachuu go.
GAO

1. nama ofiitiif gargaarsa kennuu. 2. hamaa nama qaqqabe irraa wayyaawuu, dandamachuu.

ukamuu 1 go.
GAO

gargaarsa argachuu.

ukamuu 2 go.
GAO

qufaa gogaa qufa'uu.

ukee 1 ma.
GAO

ayyaana ijoollee kan Adoolessa bultii kudha lama irra oolu.

ukee 2 ma.
GAO

meeshaa aannanii kan buqqee yookiin qabee qophaa'u.

ukkaamaa ma.
GAO

akka afuura hibaafne yookiin qilleensa hinarganne gocha.

ukkaamamaa ad.
GAO

kan qilleensa akka hinarganne godhame yookiin akka afuura hinbaafanne kan godhame.

ukkaamamuu go.
GAO

akka qilleensa hinarganne yookiin fuura hinbaafanne godhamuu.

ukkaamsisuu go.
GAO

akka ukkaamsu gochuuu.

ukkaamsuu go.
GAO

afuura akka hinbaafne yookiin qilleensa hinarganne gochuu. 2. akka hindubbanne yookiin yaada hinibsa...

Sponsors