Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
14,033 Jechoota
qulqulleessuu go.
GAO

1.xurii irraa yookiin huuba keessaa baasuu; Xaatii afarseeti qulqulleesse. 2. cubbuu jalaa baasuu; j...

qulqulluu ad.
GAO

1. xurii  yookiin huuba kan hinqabne;  Bishaan qurun hundi qulqulluu miti. 2.cubbuu kan  hinhojje...

quluu ma.
GAO

mi'a buqqee irraa tolfamu, kan bishaan itti qabatari.

qulxa ad.
GAO

waan qorre yookiin itite; Aannan qulxa ijoollee hinobaasan.

Qulxaa'uu ma.
GAO

qorruu yookiin  itituu.

qulxeessuu go.
GAO

akka qulxaa' u gochuu.

qumbaa 1 ma.
GAO

hundee  mukaa yookiin agadaa boqqolloo Qumbaan boqqolloo akka gobaa hintaane, lafa keessatti muru.

qumbaa 2 ma.
GAO

wadala  gabaabduu; Garbuu qumbaatti fe'atee gale.

qumbii ma.
GAO

gosa mukaa kan fooliin urgaawu; Aarri qumbii foolii xiraa'aa niballeessa.

qumbii ulachuu go.
GAO

1. qumbii abiddatti naqanii ofitti aarsuu. 2. of mi 'eessuu.

qumbursoo
GAO

"qumbursaa"  ilaalaa.

qummaada 1 ma.
GAO

Ija baasa, biqila; Qummaada ataraa dheedhii nyaachuun garaa nama dhukkubsa.

qummaada 2 ma.
GAO

gumguma aarii qabu.

qummaadchisuu go.
GAO

akka qummaadu gochuu.

qummaaduu 1 go.
GAO

aaranii gumgumuu; Namichi kan qummaadu waan aarii garaadhaa qabuufi.

qummaaduu 2 go.
GAO

ija godhachuu yookiin baasuu; Biqilli akka sirriitti qummaaduuf baalaan ukkaamsu.

qummuuda ma.
GAO

qeensa  takkaayis quba lamaan qabanii dhukkubsa, qunxuura  (qonxoora), Qummuuddiin qeensaa qaama i...

Qummuudamuu go.
GAO

qeensaan  yookiin  qubaan qunxuuxamuu.

Qummuuddaa
GAO

"qummuuda"  ilaalaa.

Qummuuddii
GAO

"qummuuda"  ilaalaa.

Sponsors