Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
14,033 Jechoota
qonforsiisuu go.
GAO

akka qonforamu gochuu.

qonforuu go.
GAO

1. waan qara qabuun lafa qotuu;Dongoraadhaan lafa qote. 2.dubbii dhoksaa ija argachuuf gaaffii baay'...

qongoo
GAO

"dhagaa gaayyaa" ilaalaa.

qonna ma.
GAO

1. "qotiisa" ilaalaa. 2. lafa qota; Ganamaan qonna deeme.

qonnaa
GAO

"qonna" ilaalaa.

qonqa
GAO

1. "sagalee 2" ilaalaa.  2. "afaan" ilaalaa.

qonqoo ma.
GAO

1. karaa waanti nyaatan yookiin dhugan garaa bu'u, qoonqoo, kokkee. 2."beela" ilaalaa.

qontarii
GAO

"talbaa" ilaalaa.

qonxaa ma.
GAO

1. foon jaji'amee goge, qoonxaa; Jajii foonii soogiddaafi barbarreedhaan sukkuumu. 2. nama huqqataa ...

qonxoruu
GAO

"hammaaruu" ilaalaa.

qonyaa'uu go.
GAO

akka qonyee ta'uu; Madaan gogee'ti qonyaa'e.

qonyee ma.
GAO

1. mi'a qotiisaa, kan maarashaafi babattee ittiin walitti qabanii gindiitti hidhan.

qonyeessuu go.
GAO

qonyee taasisuu.

qonyonyaa ma.
GAO

qola madaa kan hoggaa madaan qooru irraa ka'u.

qonyonyaa'uu go.
GAO

1. walitti qabachuu, suntuuruu; Madaan qonyonyaa'u dafeeti fayya. 2.waan qaban gadi dhiisuu diduu; B...

qonyonyoo
GAO

"qonyonyaa" ilaalaa.

qoochoo ma.
GAO

baallee  yookiin koola allaattii.

qooda ma.
GAO

waan hirmaatatti nama gawu; Inni midhaan qooda isaa fudhate. 2. nama wal caalchisa, qoqqoba.

qoodamuu go.
GAO

1. waanti tokko namaa hiramuu. 2. wal caalchifamuu, qoqqobamuu.

qooddiroo ma.
GAO

mi'a dhallaanduu irraa qophaa'u, handaqii, gasaa; Tikseen qooddiroo uffatteeti horii eegdi.

Sponsors