Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
14,033 Jechoota
qirana ad.
GAO

qara mi'a akka haamtuu; Haamtuu dhagaatti yoo rigan qiranni ni dooma.

qiranuu go.
GAO

qirana basuu,qaruu; Billaa doome moorodaan qiranu.

qirca ma.
GAO

1. xixinneessanii gargar baasa; Namni qirca beeku waan hiru wal hincaalchisu. 2. foon bakka bakkatti...

qircaa
GAO

"qirca" ilaalaa.

qircamu go.
GAO

iddoo baay'eetti hiramuu.

qirceessisuu go.
GAO

akka qirceessu gochuu, mummursiisuu.

qirceessuu go.
GAO

iddo iddootti hirsiisuu; Foon halbeedhaan qirceessuu.

qircuu go.
GAO

1. horii qalanii iddoo baay'eetti gargar baasuu, hiruu. 2. xixinneessanii hiruu.

qirgida
GAO

"qirqirsa" ilaalaa.

qirixii ma.
GAO

mi'a sibiilaa kan ittiin muka uran; Muka gindii qirixiidhaan uru.

qirqidsiisuu
GAO

"qirqirsiisuu" ilaalaa.

qirqiduu
GAO

"qirqirsuu" ilaalaa.

qirqiffachuu
GAO

"qirqirfachuu" ilaalaa.

qirqirfachuu go.
GAO

qaama ta'e keessumattuu bobaa jala tuqamanii kolfuu.

qirqirsa ma.
GAO

waan ta'een tuqanii kofalchiisa; Gurbaan qirqirsa waan hinjaallanneef sitti aare.

qirqirsiisuu go.
GAO

akka qirqirsu gochuu.

qirqirsuu go.
GAO

qaama keessattuu bobaa jala tuqanii kofalchiisuu.

qirqiruu
GAO

"qirqirsuu" ilaala.

qisa ma.
GAO

ija silimlim gocha yookiin liphsa; Qisaan dubbii itti himi.

qishaana ma.
GAO

jecha yookiin dubbii namni shakku, qeeqa; Dubbii  nama hundaa qishanaan fudhachuun jaallatamaa miti...

Sponsors