Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
14,033 Jechoota
qal'achuu go.
GAO

1.furdina dhabuu, huqqachuu.  2. bishaaniin makamuu.

qal'ina ma.
GAO

furdina  dhabiisa, huqqina.

qal'isuu go.
GAO

akka qal'atu yookiin huqqatu gochuu.

qal'oo ad.
GAO

furdina tan hinqabne, Dubartii qal'oon ni bareeddi.

qala ma.
GAO

1. morma mura yookiin buusa. 2. gogaa irraa kaasa; Qala hinbeektuu billaa isatti kenni.

qalaa ad.
GAO

kan qalu.

qalaamaa ma.
GAO

farda dhaltuu; Qalaamaa biteeti fardeen horsiifate.

qalaaxee ma.
GAO

1. waraqata  nama himatame bakka barbaadametti ittiin waaman.  2. kaarnii gibira ittiin kaffalan.

qalachiisuu go.
GAO

akka qalatu gochuu; Tullun soddaa hoolaa qalachiise.

qalachuu go.
GAO

1. morma muranii yookiin buusanii nyaataaf  qopheeffachuu.  2. qalanii nyaachuu; Akka jabaattuuf t...

qalamii ma.
GAO

waan bifa  adda addaa qabu,  kan mana,  mi 'a manaa, w.k.f., dibanii ittiin bareechan, halluu; Ye...

qalamuu go.
GAO

marina  muramuu yookiin buufamuu.

qalaxoo ma.
GAO

nyaata yookiin bukoo hinbukaayi yookiin kan hiaqomoxxoxin.

qalbeeffachuu
GAO

"qalbifachuu" ilaalaa.

qalbeeffamuu
GAO

"qalbifamuu" ilaalaa.

qalbifachuu go.
GAO

itti heeduu; Akka hamaa  hindubbanne qalbifadhu.

qalbifamuu go.
GAO

yaadatti  galuu; Dubbiin sun qalbifamte.

qalbii dabarsuu
GAO

"qalbii darbuu" ilaala.

qalbii darbuu go.
GAO

yaada baduu, wayyaa buusuu, maraachuu.

qalbii dhabuu
GAO

"qalbii darbuu" ilaalaa.

Sponsors