Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
14,033 Jechoota
qabbanooftuu 1. ad.
GAO

1. qabbana tan qabdu. 2. o'a tan dabarfatte; Eelee qabbanooftuun buddeena hinbareechitu. 3. tan amal...

qabdii ma.
GAO

1 .gatii xinneessanii yookiin cabsanii dura kennan; Sa'a sana bituuf qabdii kennee deeme. 2. waanti�...

qabdoo ma.
GAO

1 . dubara (durba) qabatanii dhungatan. 2. dhungoo hiriyaa.

qabduu ma.
GAO

kan waan ta' e qabanii ittiin baasan; Qoree hamaan yoo nama waraane qabduudhaan baasu.

qabee ma.
GAO

hodhaa yookiin buqqee aannanii, okolee; Ilmaaf aannan qabeetti ol keesse.

qabeenna ma.
GAO

horii, lafa, w.k. f. namni hore yookiin qabu, qabeenya.

qabeenya
GAO

"qaqeenna" ilaalaa.

qabeenya walittii ma.
GAO

dinagdee waliin qaban, horii nama hundaa kan ta'e.

qabiisa ma.
GAO

bultii namni qabu, jireenya, sooruma.

qabrii
GAO

"awwaala" ilaalaa.

qabsoo ma.
GAO

waldhaansoo namni wal qabu; Qabsoo irratti abbaan humnaa beekama.

qaca'a ma.
GAO

oyiruu yookiin maasii xaafii facaasuuf wal qixxeessa, meesa.

Qaca'uu go.
GAO

maasii xaafii facaasuuf jecha wal qixxeessuu, meesuu; Oyiruu qaca'aniiti xaafii facaafatu.

qacaasisuu go.
GAO

akka qaca'u gochuu; Oyiruu qacaasisuuf daboo kadhate.

qacaca ma.
GAO

Tiifuu wal irraa hincinne, rooba qaqal'aa.

qacacuu go.
GAO

tiifuu, roobuu, wal irraa otoo hinkutin roobuu.

qacalee ad.
GAO

1. ijoollee daa'ima, corqaa; Mucaa qacaleen macaafa dubbisuu hindanda'u. 2. ilma yookiin durba (dubr...

qacam gochuu go.
GAO

1.ilkaan wal rukuchi-isaa nyaachuu; Nama keessa taa'anii qacam gochaa nyaachuun jibbamaadha. 2. waan...

qacamaa ma.
GAO

gosa mukaa.

qacara ma.
GAO

1 . "beellama" ilaalaa. 2."qaxara 2" ilaalaa.

Sponsors