Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
14,033 Jechoota
murachiisuu go.
GAO

akka muratu gochiisuu; Foon murachiisuu;  Agadaa murachiisuu.

muramuu go.
GAO

1. waanti tokko waan qara qabuun addaan cituu, walittii gargar bawuu. 2. dhaqna qabachuu, kittaanamu...

murattee ad.
GAO

nama qaamni hormaataa irraa cite, kan washalaan irraa murame.

muriyyii ma.
GAO

1. gosa margaa kan xaafii fakkaatu. 2.  haxaawii muriyyii irraa hojjetamu.

murjaa
GAO

"muujjaa" ilaalaa.

murqicha
GAO

"murquu"  ilaalaa.

murquu ad.
GAO

nama harki citaa, dooluu; "Harki hanna bare murquutu munyuuqa".

murtee
GAO

"murtii" ilaalaa.

murtii ma.
GAO

1. yaada  xumurame. 2. seera gara nama balleessetti jige. 3. waan murtaayee yookiin xumuramee akka ...

Murtoo 1
GAO

"murtii" ilaalaa.

murtoo 2 ma.
GAO

dhukkuba quba miillaa gidduu nama quncisu, mimmi'oo, o'ichoo.

muruu go.
GAO

1. waan qara qabuun addaan kutuu, walittii gargar  baasuu. 2. madeessuu. 3. washalaa irraa kutuu. ...

murxuxxee ma.
GAO

ulee gabaabaa kan humnaa qilleensa keessa darbatanii waa ittiin rukutan, furguggee .

murxuxxifachuu go.
GAO

murxuxxee qilleensa keessa gangalachuu.

murxuxxoo
GAO

"murxuxxee" ilaalaa.

Mushurraa ma.
GAO

nama reefuu heerume yookiin fuudhe, misirroo. 2. baala yookiin latii reefuu bawu.

mushurroo
GAO

"mushurraa" ilaalaa.

musiina ma.
GAO

yeroo waggaa keessaa, kan ji'a sadii qabaatu, tibba; Waggaani musiina afur qaba.

mutaa ma.
GAO

sibiila qallaa fiixeen. qaraa, kan ittiin waan akka gundoo hodhan.

muu jechuu go.
GAO

jibba ofii sagaleedhaan agarsiisuu, hojii balfamaa ta'e balaaleffachuu.

Sponsors