Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
14,033 Jechoota
kurfaawuu
GAO

"qophaa'uu" ilaalaa.

kurfee ma
GAO

sanyii agadaa.

kurfeessuu
GAO

"qopheessuu" ilaalaa.

kurfii
GAO

"qophii 1" ilaalaa.

kurii ma.
GAO

bishaan boolla bal'aa keessatti kuufame, haroo danbala'ee ciisu.

Kurkummii ma.
GAO

gocha kurkumuu; Kurkummiidhaan mataa keessa gadi na rukute.

kurkumuu go.
GAO

quba harkaa dachaasanii yookiin haboottifatanii mataa namaa keessa dhawuu, gadi quwuu.

kurkura ma.
GAO

akkaataa ijoolleen reefuu deemsa calqabdu itti deemtu; Mucaan koo reefuu kurkura calqabdi.

kurkuraa ad.
GAO

kan kurkuru; Mucaa kurkuraa manaa qabdi.

kurkuruu go.
GAO

akka daa'imaatti deemuu.

kurma ma.
GAO

foolii ajaawaa garaadhaa ol nama deebi'u, de'uu, deeffuu.

kurmaana 1 ad.
GAO

waan bakka afuritti hirame keessaa harka tokko; Daabboo tokko irraa kurmaana isaa naaf cabse.

kurmaana 2 ma.
GAO

soogidda muraa; Kurmaana ani bunatti naqadhu gabaadhaa bitee naa fide.

kurmamuu go.
GAO

dhiyaana nyaatanii utuu namaaf hinsifaayin hafee foolii gadheen isaa garaadhaa ol nama dhufuu, de'uu...

kurna tokko ma.
GAO

gara yookiin hamma kudhanii kan ta'u; Qarshii kurna tokko mee naaf kenni".

kurnaffaa 1 ad.
GAO

saglaffaatti kan aanee dhufu; Dabareen kee saglaffaa irratti miti, kurnaffaadha.

kurnaffaa2 ma.
GAO

amantii kiristaanaa keessatti waan Waaqi namaaf kenne keessaa harka sagal hambifatanii isa harka tok...

kurnan tokko
GAO

"kurna tokko" ilaalaa.

kurree ma.
GAO

waan afaan wayiitiin duuchan.

kurruuffii ma.
GAO

maqaa kurruufuu; Namni kurruuffii guddisu hirriba nama dhowwa.

Sponsors