Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
14,033 Jechoota
fufata ma.
GAO

waan itti dhahatan yookiin fufan; Fufata fixeeti fooya dhiise.

fufurdaa ad.
GAO

furdina kan qabu; Sanyiin isaanii fufurdaadha.

fufuu go.
GAO

walitti hidhuu yookiin itti dhahachuu.

fugaa ma.
GAO

1. hojii muka duuganii bulan. 2. gosa yookiin warra muka soqanii bulan; Intalli namichaa fugaatti he...

fuggisoo ad.
GAO

1. qajeeltoo kan hinta'in; Dubbii fuggisoo hindubbatin. 2. irraan gadee; Farda fuggisoo yaabbatanii ...

fulaa
GAO

nama amala badaa, dhilbe laafaa; Gurbaan kun fulaadha.

Fulbaana ma.
GAO

ji'a  Qaammeetti aanu; Fulbaana keessa keelloon nidaraara.

fulchuu go.
GAO

ija dubbii qabachiisu; Gamnaaf dubbii fulchuu.

fuliyoo ma.
GAO

hantuuta daggalaa kan eegeefi gurra gurguddatu.

fulla'uu go.
GAO

1.uramuu; Bineensi eeboodhaan fulla'e 2. deemanii fagaachuu; Horiin ija jalaa fulla'aniiru.

fullaafamuu go.
GAO

1.keessa dabarfamuu. 2. fiixaan baafamuu; Dubbiin mana barmootaa sun fullaafameera.

fullaasa ma.
GAO

keessa dabarsa, bakkaan gaya.

fullaasisuu go.
GAO

akka  fullaasu  gochuu.

fullaasuu go.
GAO

1. uranii keessa dabarsanii gamaan gawuu. 2. waan abbalan bakkaan gawuu.

fullisuu go.
GAO

hojii malee ganda irra deemuu; Sareen asiifi achi fulliseeti nyaata barbaaddata.

fuluu da. go.
GAO

karaa boroo kan dhiphoo ta'e; Karaa balbalaa itti dhufnaan karaa fuluu jalaa baye.

funaana ma.
GAO

tokko tokkoon bu'annaa.

funaannachuu go.
GAO

xixinneessanii walitti qabachuu; Qoraan funaannachuu deemte.

funaansa ma.
GAO

walitti qabiisa, bu'acha, funaana; Funaansa garbuutu yeroo jalaa balleesse.

funaansisuu go.
GAO

akka funaanu gochuu.

Sponsors