Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
365 Jechoota
wal muruu go.
GAO

yaada walii argachuu dadhabuu, adda adda yaaduu, walii galuu dhabuu. 2. otoo wal hin argin wal bira ...

wal nyaachuu go.
GAO

wal loluu, walaarsuu, wal hammacuu.

wal qoraasuu go.
GAO

uleedhaan wal dhaanuu, wal dhaba uumuu; Gabaa keessatti uleedhaan wal qoraasan.

wal ta'uu go.
GAO

walii galtee argachuu; Hiriyaan wal taate waan garaa wajjin mari'atti.

wal tuquu go.
GAO

wal loluu, dubbii barbaaduu.

wal xinneessuu go.
GAO

wal tuffachuu, yaraa walii haasawuu, wal cabsuu.

wal'aana ma.
GAO

yaalii haajisaaf kennamu, soora; Wal'aanni beeraa nama nuffisiisa.

wal'aannachuu go.
GAO

yaalachuu, soorachuu; Dhibamaa abbaatu wal'aannata.

wal'aansisuu go.
GAO

akka wal'aanu gochuu.

wal'aanuu go.
GAO

kan rakkina qabu yaaluu, sooruu; Nama cabe dhangaadhaan wal'aanu. 2. "sossobuu" ilaalaa.

wal'aasiisuu go.
GAO

yaalii argachuu, sooramuu.

walaba 1 ma.
GAO

durba hinheerumin. Walabni qobaa hindeemtu.

walaba 2 ad.
GAO

birmaduu yookiin bilisa; Garaa quufanii buluun walaba qabeenya hinta'u.

walabooma baafachuu go.
GAO

nama waammatanii booyicha dhaquu.

walabummaa ma.
GAO

bilisummaa, birmadummaa, hacuuccaa bifa kamiiyyuu malee jireenya; yaa walabummaa! walabummaan damma!

walakkaa ad.
GAO

gartokkee waan ta'e; Midhaan qarbata walakkaa bitate. 2. gidduu waan ta'ee; Utubaan mana walakkaa dh...

walakkaa fudhachuu go.
GAO

hojjetanii qixxeetti addaan fudhachuu; Namni lafa hinqabne walakkaa fudhateeti jabaatee qotata.

walakkaa qotuu go.
GAO

lafa ormaa qotanii callaa abba lafaa wajjin qixxeetti addaan fudhachuu.

walakkeessuu go.
GAO

walakkaa taasisuu.

walaloo ma.
GAO

tuuta dubbii bareedinaaf gaggabaabina of keessaa qabdu, tan yaada gadi fageenya qabu ittiin ibsan, t...

Sponsors