Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
365 Jechoota
waadda ma.
GAO

abidda rukuchiisa, karkarsa; Waadda foonii namni hundi hinbeeku.

waaddachiisuu go.
GAO

akka waadu (waadduu) gochuu.

waadduu go.
GAO

abiddatti karkarfamee yookiin laboobaan rukutamee bilchaachuu, Asheenni boqqolloo yoo waaddamu hinmi...

waadu go.
GAO

mukukkula yookiin labooba abiddaa rukuchiisanii bilcheessuu; Boqqolloo kan waadu dura barbaqaa buufa...

waagii ma.
GAO

dhibee midhaanii,keessattuu kan qamadii gumaa dhowwatu, fiyyee.

waagimboo ma.
GAO

maraa hiddaa yookiin funyoo, an utubaalee manaa boraafachiisan.

waahii ma.
GAO

dhibee gogaa nama addeessu, lamxii.

waahila ma.
GAO

nama karaa wajjin detman, miiltoo; Waahila malee deemteeti butamte.

waahima ma.
GAO

hooda hima; Namni waahima hinbeekne nama balleessa.

waakkacha ma.
GAO

qabeenya dhokfachuuf dhaba haasa'a, sassata. 2. dhugaa dhoksa.

waakkachiisuu go.
GAO

akka waakkatu gochuu.

waakkachuu go.
GAO

1. qabeenya dhokfachuuf hinqabu jechuu, dhaba haasa'uu. 2. xinneessanii namaa kennuu. 3. dhugaa dhok...

waakkii ma.
GAO

otoo hindhabin yookiin hinrakkatin dubbii rakkinaa yookiin dhabaa haasa'a. 2. dhara dubbacha.

waalluu ma.
GAO

1. uffata dubartii kan gogaa irraa hojjetamu Bara durii dubartiin waalluu uffatti. 2. uffata xuraa'e...

waaltaa ma.
GAO

guutuu manaa bakka utubaafi baaxiin itti wal gayu; Waaltaan yoo gabaabbate manni hindhimmisa.

waama ma.
GAO

koottaa jecha.

waamamuu go.
GAO

ergaan koottu jedhu nama gawuu.

waamicha ma.
GAO

koottu jecha. 2. dhaamsa sirna nyaataafi dhugaatii irratti akka argamaniif nama gawu; Waamicha dhaqe...

waammachuu go.
GAO

anaaf koottu jechuu, ana qarqaari jechuu; Obboleessa waammateeti lola deeme.

waammii ma.
GAO

1. waamanii waan argatan. 2. abaarsa; Namni waammii guddisu hinkabajamu.

Sponsors