Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
219 Jechoota
ulaa 1 ma.
GAO

qola yookiin baala kan yammuu abiddatti naqan foolii urgaa baasu.

ulaa 2 ma.
GAO

1. karaa mana keessaa itt1in bayan yookiin mana seenan. 2. balbala boroo yookiin duubatti baasu. 3. ...

ulaaa bawuu
GAO

"hulmaa bawuu" ilaalaa.

ulaandhula ma.
GAO

raammoo bishaan ciisaa keessa galtu kan yoo bishaan sana keessa dhaabbatan luka namaatti qabattu yoo...

ulachiisuu
GAO

"hulachiisuu" ilaalaa.

ulachuu
GAO

"hulachuu" ilaalaa.

ulamuu
GAO

"hulamuu" ilaalaa.

ulannaa ma.
GAO

foolii urgaawu aarfannaa.

ulasisuu go.
GAO

akka ulu gochuu.

ulbata
GAO

"hulbata" ilaalaa.

ulchiisuu
GAO

"ulsiisuu" ilaala.

ulee
GAO

"hulee" ilaalaa.

ulfa ad.
GAO

1. dubartii daa'ima garaadhaa qabdu. 2. daa'ima garaa haadhaa keessa jirtu.

ulfa seexanaa ma.
GAO

xannacha gadameessa keessatti margee garaa dhiiteesu, kan ulfa hindayamne jedhamu.

ulfaachuu go.
GAO

1. madaallii yookiin miizana kaasuu. 2. kabaja argachuu.

ulfaataa ad.
GAO

1. waan miizana yookiin madaallii kaasu. 2. nama kabaja qabu.

ulfaattuu ad.
GAO

1.tan madaallii yookiin miizana kaaftu. 2. dubartii kabaja qabdu.

ulfaawuu go.
GAO

ulfa ta'uu.

ulfeessuu go.
GAO

1. daa'imni akka garaatti uumamu gochuu. 2. kabaja kennuu; Jaarsa ulfeessuun duudhaadha.

ulfina argachuu
GAO

"ulfaachuu 2" ilaalaa.

Sponsors