Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
180 Jechoota
riquu go.
GAO

gadi deebi'anii ijoollee ofiin gadii dhaanuu, itti roorrisuu; Mucaan kun hiriyaa keetii? maaliif riq...

rirma
GAO

"rimma" ilaalaa .

rirmee
GAO

"rimma" ilaalaa.

rirriitamuu go.
GAO

1. harkaan yookiin waan biraatiin sukkuumamuu; Koomeen kee niqamaaca'e, kun rirriitamu malee hinqulq...

rirriittuu ma.
GAO

carqii ittiin 'eelee buddeenaa irriitan,rigduu; Buddeena utuu hintolchin dura eelee rirriittuudhaan ...

rirriituu. go.
GAO

1.harkaan yookiin waan biraatiin sukkuumuu; Dugda koo naaf rirriiti. 2. caccabsanii hamma lubbuun ba...

risaa ma.
GAO

allaattii hunda irra guddaa, humna qabeessa,kan fagoodhaa waa arguu danda'u.

risaarisoo ma.
GAO

tapha funyoo, kan namichi inni ijaajju isa funyoo irra taa'u darbatu, juwwaajuwwee.

ritannaa ma.
GAO

waan sodaachisa dhaga'uudhaan yookiin arguudhaan hafuura namatti dhaga'amu; Waa'ee du'a abbaa isaa e...

roga afur ma.
GAO

mi'a rogni isaa afur ta'e.

roga baasuu go.
GAO

gooda yookiin bifa itti baasanii akka bareedu gochuu; Hodhaatti roga adda addaa itti basuun bareeqin...

roga ma.
GAO

qarqara waan ta'ee; Roga garaachaa; Roga xarapheessaa.

roggee 1 ma.
GAO

qarqara mana wolaalee.

roggee 2 ma.
GAO

haaddii rifeensa mataa, kan garasiifi garana haaaanii giddutti rifeensi hafu; Maal akka ijoollee rog...

roguu go.
GAO

raga baasuu.

rom'isiisuu go.
GAO

akka romu gochuu.

rom'uu go.
GAO

1. qabata dhaabbiitiin yookiin oda irraa an ka'e holla huu. 2. aaranii yookiin ori'anii dheekkamuu; ...

romaanii ma.
GAO

ija mukaa, kan nyaatamu, kan garaa keessaa miciree diimaa qabu.

rooba ma.
GAO

bishaan waaqa yookiin samii keessaa gadi xob xob jedhee dhangala'u, bokkaa; Roobni ganna keessa baay...

roobbii ma.
GAO

dhukkuba qaamaa, kan darbee darbee gogaa namaa i-rratti bayee luqqisee daalacheessu.

Sponsors